header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Afrikaa Kibbaa keessatti haleellaan lammiilee biyyoota biroo irratti raawwatamu hammaatuun gabaafame

Johannesburg dabalatee magaalotaa Afrikaa kibbaa heddu keessatti haleellaa fi saamichi lammiilee biyyoota biroo irratti xiyyeeffate torbee dabre irraa jalqabee kan hammaataa dhufe yoo tahu, lammiileen biyyattii gareen gurmaahanii  qabeenya lammiilee biyyoota Afrikaa biroo kan saamaa jiran tahuun beekamee jira.  Haaluma kanaan magaalaa Johannesburg keessatti lammileen Oromo lama qabeenyaa isaanii saamtota irraa osoo ittisan kan ajjeefaman tahuu VOA’n gaabase.

 

Saamichaa fi ajjeechaan lammiilee biyya biroo irratti raawwatamaa jiru kun keessumattuu lammiilee Ityoophiyaa, Somaaliyaa, Naayijeeriyaa fi Zaambiyaa irratti kan xiyyeeffate yoo tahu, Naayijeeriyaa fi Zaambiyaan mootummaan Afrikaa Kibbaa lammiilee isaanii balaa irraa yoo kan hin ittisne tahe tarkaanfii mataa isaanii kan fudhatan tahuu beeksisan.

 

Haaluma kanaan mootummaan Naayijeeriyaa,  Afrikaan Kibbaa haleellaa fi saamicha kana dhaabsisuu yoo dadhabde,  Poolisoota Naayijeeriyaa gara Afrikaa Kibbaatti erguuf qophii tahuu beeksise. Zaambiyaan ammoo haleellaa kana balaaleffatuun tapha kubbaa miilaa garee Afrikaa Kibbaa waliin karoorfattee turte haquu beeksiste.  Dabalataanis wal gahii diinagdee Afrikaa Kibbaa keessatti geggeeffamu irratti kan hin hirmaanne tahuu ibsite.

 

Mootummaan Ityoophiyaa gama isaatiin haleellaa kana balaaleffatuun lammiileen Ityoophiyaa biyyattii keessaa jiraatan of eeggannoo cimaa akka godhan dhaame.

Halela Ak

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button