header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Koreen jijjiirama dhaabbilee hawaasa Muslimaa Miidiyaaleef ibsa kenne

Koreen kun ibsa guyyaa hardhaa miidiyaalee kenne irratti, hojiiwwan guyyaa hundeeffame irraa jalqabe hanga ammaatti hojjataa turee irratti ibsa gabaabaa kennee jira. Walitti qabaa koree kan tahan Muftii Haaj Umar Idriis ibsa kennaniin akka jedhanitti, koreen kun hujiiwwan  addaan qoodatee hojjataa ture  kan xumure akka tahe, guyyaa kaleessaatis kanuma muummicha ministeeraatii kan dhiheessan tahuu ibsan.

 

Hujiiwwan gareewwan sadiihiin hojjataman kunniin:

1ffaa. Gareen Obbo Muhammad Habiibi fi Ustaaz Kaamil shamsuutiin durfamu hujii Sanada seeraa dhimma majliisaa ilaallatu qopheessuu itti kenname xumuree jira.

2ffaa.  Akkaataa caasaa majliisaa ilaalchisee gareen Ustaaz Ahmaddiin Jabaliin durfamu ogeeyyota heddu hirmaachisuudhaan hojii jijjiirama dhaabbatichaa hojjataa ture xumuree jira.

3ffaa. Majliisa ulaagaa seera Islaamummaa guutate ijaaruu ilaalchisee ammoo gareen Mustii Haji Umar Idriisin durfamu, ulamaa’ota salafiyyaatii fi ulamaa’ota suufiyyaa irraa yaada fudhachuudhaan haaluma wal fakkaatuun hujii isaa kan xumure tahuu ibsame.

 

 

Haaluma kanaan dhiheenyatti  sanadii qophaahe irratti yeroo xumuraatiif mariin ulamaa’otaa fi hayyoota 300 ol hirmaachisu kan geggeeffamu akka  tahe, marii kana booda ammoo filannoon majliisaa yoom akka geggeeffamu kan murtaahu tahuu ibsame.Mariin xumuraa kun iddoo muummichi ministeeraa argamutti kan geggeeffamu tahuus himan.

 

Dabalataanis marii guyyaa kaleessaa muummicha ministeeraa dabalatee qondaaltota mootummaa waliin godhan irratti, Majliisini hawaasa muslimaa  labsii paarlaamaatiin akka dhaabbatu gaaffii kan dhiheessan tahuu ibsan.

 

Dhuma irrattis hawaasni muslimaa nagayaa isaa fi hawaasa biroo jidduu jiru tikfachaa,  obsaan bu’aa qabsoo isaa akka eeggatu dhaamsa dabarsanii jiru.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button