header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaa  Waraanni Israa’el  Magaalaa Gazzaa keessatti raawwateen Lakkoofsi Falasxiinota ajjeefamanii 65 gahuu gabaafame

Haleellaan waraanni Isiraa’el Falassxinoota irrati raawwatu hammattee itti fufe jira, Haleellaa Arba’aa har’aa qofa magaalaa Gazaa keessatti humna xiyyaaraan raawwatameen Ijoollee lama dabalatee namoonni 9 kan ajjeeffamaan yoo ta’u, walumaagalatti haleellaa torban kana keessa raawwatameen ijoollee 16 dabalatee Falasxiinonni 65 ajjeefamuu, Ministeerri Fayyaaa Falasxiin beeksise.

Haaluma walfakkaatuun dubartoota 16 dabalatee namoonni 365 immoo  madaahuu’s ibsi ministeericha irraa keenname ni mul’isa.

Ka’umsi Walitti bu’iinss ammaa kun, waraanni  Isra’eel naannawa Sheikh Jarraah jedhamu kan magaalaa Al Qudsi keessatti argamu  irraa Falasxiinota humnaan buqqisuudhaaf sochii jalqabuu hordoofuun yoo ta’u, lammiileen Falasxiin immoo gocha hamaa Israa’eelii kana hadheeffatanii mormaa jiran.

3 Comments

  1. Rabbin warraa muslimaa rratii midhaa geesisuuf deemuu hundaa balaa ofii qabuu itti habusuu rabbin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button