header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hawaasni Muslimaa magaalaa Ejeree iddoon Masjiidaa fi Awwaalchaa kennameefii ture seeraan ala kan jalaa fudhatame tahuu ibsan

Godina Shawaa Kabaa Aanaa Hidhabuu Abootee magaalaa Ejjeereetti hawaasni muslimaa iddoo Masjiidaa fi Awwaalchaa dhabuun rakkoo keessa jirra jedhan.  Jiraataan magaalaa Ejeree tokko akka nuuf himetti:

 

“Hawaasni muslimaa kanaan dura magaalaan alatti  lafa Awwaalchaa kan qabu yoo tahu, bulchiinsi magaalattii iddoon awwaalchaa kan  biroo isiniif kennama sababa jedhuun iddoo kanatti fayyadamuu eega nu dhoorkee booda,  namoonni dhuunfaa humnaan irratti ijaarratan. Haaluma kanaan hawaasni muslimaa akka furmaanni kennamuuf qaamota mootummaa aanichaatti  iyyaannoo dhiheeffannus furmaata tokkollee argatuu hin dandeenye, masjiidaa fi iddoo awwaalchaa dhabuun  rakkoo hamaa keessa jirra”jedhe.

 

Jiraatan kun akka jedhetti,  “Lafti duraan Awwaalachaaf fayyadamaa turre magaalattiin sadarkaa gandaa irra waan turteef,  akkuma iddoowwan amantaa biroo kaartaaf waraqaan hayyamaa qabiyyee osoo nuuf hin kennamin akka itti fayyadamnu nuuf kennamee ture, haa ta’u malee eegaa magaalattiin babaldhattee booda immoo lafti awwaalchaa hordoftoota amantaa hundumaatiif kennamee, nuufis kennamee ture,  lafa kana seera qabeessa godhuuf osoo adeemsa irra jirru ammas namoonni dhuunfaa humnaan qabatanii manneen irratti ijaarataa jiran”jechuun nutti hime.

 

Haaluma kanaan ammatti hawaasni magaalattii lafa masjiidaas ta’ee kan awwaalchaa tokkollee kan hin qabne yoo tahu, gara gumii dhimma muslimaa aanichaatis deemanii iyyatanis qaama furmaata isaanii laatu tokkollee kan dhaban tahuu ibsan. Kanaafuu qaamni mootummaa, majliisni dhimmoota Islaamaa sadarkaa hunda irra jiruu fi akkasumas ummanni bal’aan rakkoo hamtuu hawaasni muslimaa magaalaa Ejeree keessa jiru hubatanii akka isaaniif birmatan gaafataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button