OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Ulamaa’onni godina Baalee aanaa 20 irraa walitti dhufuun murtii ulamaa’onni Harargee Bahaa dabarsan deeggaran.

Ulamaa’onni aanaawwan Baalee irraa walitti dhufan kunniin Masjida seena-qabeessa (Masjida-Nuur) kan magaalaa Roobee keessatti argamuti wal gahuudhaan; jijjiirama amma biyya keessatti mul’aterratti hundaahuun ibsa ijjannoo qabxii 7 qabu baasanii jiru.
Ibsi Ulamaa’onni Godina Baalee baasan akka asii gadii kana.
- Jijjiirama Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad fide kana waan qabnu hundaan ni deeggarra.
- Yaalii ajjeechaa guyyaa Sanbataa Dr. Abiy Ahmad irratti taasifame baayyee itti gaddinee jirra, Ammas ni balaaleffanna.
- Majliisa (Durriyyee) kan ummata Islaamaa irratti fe’ame duraanis nuti hin filanne, Ammas nurraa bakka hin bu’u, ni balaalleffanna.
- Hanga majliisni seeraan alaa kan qabeenya uummataa nyaatu kun nurraa bu’utti hajjii bara kanaa irraa eegallee hin hajjinu.
- Weerarri liyyuu Poolisiin naannoo Somaalee daangaa Oromiyaa irraan aanaalee garagaraa keesaatti raawwattu hatattamatti akka dhaabbatuufii; qaamni waan kana raawwate seeratti akka nuuf dhiyaatu asumaan muummee ministeera biyyattii Dr Abiy Ahmadiif dhaamsa dabarsina.
- Deeggarsi ummata daangaa irraa buqqa’eef godhamu hanga rakkoon isaanii guututti furamuuf gadi fageenyaan akka itti fufu dhaamsa dhaammanna.
- Namoota amantaa dahoo godhachuun shira diinaatiif riqicha tahanis ni balaaleffanna. Namoonni akkanaa nurraa bakka hin bu’an.
Ulamaa’ota guyyaa har’aa wal gahii kanarrati hirmaatan keessaa:
- Sheikh Abdurrahmaan Aadam
- Sheikh M/Kaamil Abdallaah
- Sheikh M/Amiin Aadam
- Sheikh Waliyyii H/Alii Waadoo
- Sheikh M/Qaadii Sh Ahmad
- Sheikh Awwal Sadee
- Sheikh M/Khadar Daawud
- Sheikh M/Aliyyii Owsii
- Sheikh M/Amiin Aadam
- Sheikh Abdullaah Ibraahiim
- Sheikh Yaassiin Abdul Baasix
- Sheikh AbdulJabbaar Umar
- Sheikh Aadam Amaan
- Sheikh Abdu-Raafi’ Aliyyii
- Sheikh Jamaal Kubbaayyoo
- Sheikh M/Abbayyii
- Sheikh Haashim Amaan
- Sheikh Muhammad Muusaa
- Sheikh Muhammad Hasan
- Sheikh Jamaal Huseen
- Sheikh Huseen Zakariyyaa
- Sheikh Idiriis Khadiir
- Sheikh Abdussamad Sh Abdul Qaadir
- Sheikh Sa’ad Ismaa’il
- Sheikh Jeylaan Khadiir fii kanneen birootis irratti argamaniiru.