header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hogganaan ABO obbo Daawud Ibsaa mootummaan naannichatti nageenyi akka bu’u yoo barbaade dhaabni isaa mariif qophii tahuu beeksise

Obbo Daawud Ibsaa ibsa hardha miidiyaalee kenne irratti, hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo fi loltoota mootummaa jiddutti walitti bu’iinsi kan uumame tahuu ibsee jira. Obbo Daawud akka jedhetti mootummaan waadaa gale cabsuudhaan dhaabbata isaa moggatti kan dhiibaa jiru yoo tahu, waraana Adda Bilisummaa Oromoo gara biyyaa gale keessaa loltoonni 1200 Ardaayitatti leenjii barbaachisu fudhatanii humna nageenyaa naannoo Oromiyaattii akka makamaniif leenjiin kan jalqabame tahuu ibse. Haata’u malee mootummaan loltoonni ABO Ardaayitaa jiran hoggantoota ABO waliin akka wal hin qunnamne fi mooraa akka hin baane dhoorkamanii jiru jedhe.

Obbo Daawud akka jedhetti, Mootummaan naannon Oromiyaa Jeneraal Kamaal Galchuu hogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa godhee muuduun isaa, humni ABO mootummaa akka shakku kan taasisee tahuu hime. Akkasumas Raayyaan ittisaa mootummaa Federaalaa naannoo hidhattoonni ABO jiranitti qubsiifamuun, walitti bu’iinsi akka uumamuuf sababii ta’ee jira jedhe.

Dhuma irrattis mootummaan naannichatti nageenyi akka bu’uuf fedhii yoo qabaatee fi dhimmoota kanaan dura waadaa gale yoo kan kabaju tahe dhaabni isaa mariidhaaf qophii tahuu beeksise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button