header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Hoggantoonni Ameerikaa fi Masri dhimma hidha laga Abbaay ilaalchisee telefoonaan mari’achuu gabaafame

Prezdaantiin Ameerikaa Donald Trump hidha laga Abbaay ilaalchisee mariin Ityoophiyaa, Suudaan fi Masri jiddutti geggeeffamaa jiru walii galteen akka goolabamu, Ameerikaan ammas xiyyeeffannoon kan hojjattu tahuu Prezdaant Abdulfattah Al Sisiitti bilbilaan kan hime tahuu gabaafame. Traamp Kibxata kaleessaa Prezdaantii Masri waliin marii telefoonaan geggeesse irratti “walii galteen biyyoota hunda fayyadu dhiheenyatti ni mallattaawa”jechuu isaa Royters gabaase.
Mariin hidha laga Abbaay ilaalchisee Ityoophiyaa, Masri fi Suudaan jiddutti jaarsummaa Ameerikaa fi Baankii Addunyaatiin kanaan dura jalqabamee ture, marsaa xumuraatiif February 27-28/20202 Washington DC’tti beellamamee kan ture tahus, Ityoophiyaan biyya keessatti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii barbaachisu waan hin xumuriniif, marii marsaa kanaa irratti hirmaachuu akka hin dandeenye ibsuun kan hafte tahuun ni yaadatama.
Haata’u malee iddoo ityoophiyaan hin argaminitti mariiin kan geggeeffame yoo tahu, Ameerikaan marii booda ibsa baasteen Ityoophiyaan walii galtee osoo hin mallatteessin hojii hidha laga abbaay bishaaniin guutuu akka hin jalqabne akeekkachiiste.
Ibsi Ministeera maallaqa Ameerikaa irraa bahe kun Ityoophiyaa mufachiisee jira. Mootummaan Itoophiyaatis ibsa Ameerikaan baaste kana booda, “Ameerikaan bakka bu’oonni keenna osoo hin argamin Suudaaniifi Masrii waliin marii teettee ibsa baasuun sirrii mitti jechuun”qeeqe.
Ministeerri haajaa alaa Obbo Gadduu Andaargaachoo ibsa fuula Tiwiitar irratti baaseen ‘Ityoophiyaan Masrii fi Sudaan waliin guutiinsa bishaanii irratti dhimmoota hafan ilaalchisuun itti fufiinsaan mari’achuu ni deeggarti, ta’us garuu yaadni ministira maallaqaa Ameerikaa irraa kenname fudhatama hin qabu”jedhe
Haaluma wal fakkaatuun, Ministeerri haajaa Alaa fi Ministeerri Bishaan, Jallisiifi Iinarjii Itoophiyaa ibsa torbee dabre waliin baasaniin, “Ityoophiyaan akka abbaa Hidha kanaatti, haala haqa qabeessa ta’eefi miidhaa hin dhaqqabsiifneen bishaan guutuufi ijaaruus itti fufuti”jedhan.
Qophiin wixinee Waliigaltee dambiifi qajeelfama ittiin bishaan guutamuufi gadi lakkifamus xumurameera jechuun ibsa kennames Itoophiyaan akka hin fudhanne beeksiste.
Akka ibsa mootummaa Ityoophiyaatti, mariin dhimmoota teeknikaafi seeraa hin xumuramne. Kana malees, Ityoophiyaan akka jettutti dambiifi qajeelfamni bishaan ittiin guutamuufi gadi lakkifamuu kan qophaa’uu qabu, Masiriin qofa osoo hin taane biyyoota sadeeniin ta’uu qaba.
#Hidha_Abbaay #Ityoophiyaa #Masri

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button