Ilbiisota hammeenya guddaa qaban

Addunyaan tun uumama garagraatiin badhaatee jirti. Gariin isaanii faaydaa qabu. Gariin ammoo faaydaa nuuf hin mullanneen cinatti miidhaa hamaa  qabu. arraaf raammollee akka addunyaatitti hammeenya guddaa qaban waliin ilaalla.

Bullet Ant

BULLET ANT

Ilbiisota summii hamaa qaban keeysaa inni tokko, Bullet ant ykn ammoo mixii rasaasaa (xiyyiitii) jedhamti. Bosona Ameerikaa kibbaa keessatti kan argamtu mixiin tun, sanyiiwwan mixii jiran keessaa lakkoofsaan hedduu dha. Mixiin Seenti meetira 2.5 dheeratti. Namni mixii tanaan hiddame akka waan rasaasaan dhahameetitti dhukkubbiin itti dhagahama. Sababaa kanaaf maqaa Bullet ant ykn Mixii Rasaasaa jedhu kanas argatte.  Mixiin tun osoo namni niyyaa hin qabne mukaa irraa namarratti kufuun nama idditi. Nama dhukkubbii rasaasaa dandamatuu danda’u qofaatu ciniinnaa mixii tanaatis dandamatuu danda’a.


 

Bot Fly

2. BOT FLY

 

Ilbiisni itti aanu  ammoo Bot fly jedhama. Bot fly hoosiftoota heddu irratti maxxanuudhaan akkasumas gogaa isaanii keessa seenuudhaan jiraata. Gogaa itti maxxane san irraa haga seenti meetira takkaa gara alaa dheerata. Ilma namaa irra qajeela qubachuu hin danda’u. kanaaf hanqaaquu isaa ilbisoota ilma namaa wajjiin waltuquu danda’an bira dhaquun buusa. Fakkeenyaaf hanqaaquu isaa raammolee akka bookee buusaa irra buusuudhaan yeroo bookeen tun dhufte namarra qubattu hanqaaquun botfly ammoo gara qaama namaa seena. Gogaa namaa jalatti erga yeroo muraasaaf hammatameen booda hanqaaquun kun cabee raammoon nama keessa deemuu jalqaba. yeroo heddu gurraa fi wantoota mormaa ol jiran keessatti argama. Gogaa ilma namaa jala sosocho’uudhaanis soorata barbaadatu soorata. Sosochii isaa kanaanis miirri dhukkubbii akka namatti dhagahamu godha. Hammeenyi ilbiisa kanaa gogaa jalatti qofa hin dhaabbatu. Sammuu ilma namaa keessa seenuudhaanis miidhaa guddoo namarraan gaha.


Soonsa Jaappaan Guddicha

3. SOONSA JAAPPAAN

Ilbiisni itti aanu ammoo Sonsa Jaappaan(Japanese Asian giant Hornet) jedhama. Ilbiisa kanaan waggaa waggaan namoonni 50 akka du’an himama. raammolee haga ammaa ilaalle wajjiin yoo walbira qabnus isaanirra hamaadha. Haga seentimeetira 7fi cinaa kan dheeratu soonsi kun, summii foon bulleessuu danda’u of keessaa qaba. Summiilee gara garaa saddeet kan qabu yoo ta’u, summii isaa kana irra deddeebi’ee biifuudhaan waan barbaade ajjeesa. Soonsi jaappaan guddaan digdamni, kinniisa gaagura guutuu waliin osoo wal lolee yeroo hundaa isumatu moohata. Raammoleen kunniin keemikaala fuuraa ilma namaa keessa jiru barbaadu. Kanaaf akka tasaa ta’ee naannoo keessanitti argaman taanaan, waan jalaa dheessitanii baatan hin sehinaa. Guyyatti kiiloomeetra 80 ol dadhabbii takkaan malee osoo saffisa isaanii hin hir’isin barrisuu danda’a. Rabbiin namarraa haa qabu.


Driver Ant

4. DRIVER ANT

Sanyiin mixii kan biraa, kan the driver ant jedhamus Raammmoo hamaadha. Ilbiisni kun Asiida Foormik jedhamu qaba. Asiidni kunis wantoota orgaanik ta’an bulleessuu danda’a. Wanti sodaachisaan ilbiisa kanaa Qubsuma isaaniiti. Qubsumni isaanii kun miseensota miiliyoonaan lakkaawamu qabaachuu danda’a. miseensotni kunis lafa bal’aa weeraruu danda’u. Ilbiisni kunniin ijoollee xixiqqoo weeraranii ukkaamsuun ajjeesuu danda’u. Yeroo sa’aatii afur hin guunne keessatti qaama namaa adda fofottoqsuu danda’u. Ilbiisni kun ilma namaatii mitii Arbaa guddaas ni sodaachisa. Arbi ilbiisa kana agarraan jalaa dheessa. Akka tasaa ta’ee bineensi Qubsuma isaanii keessa seenu carraan isaa du’uu qofa.


Kissing Bug

5. KISSING BUG

Ilbiisni  itti aanu ammoo sanyii tuhaanaa kan kissing bug jedhamuudha. Maqaa kissing bug jedhamu kana, boca afaan isaa kan waa xuuxuuf akka mijaawu godhamee uumame irraa argate. Sanyiin isaa gariin baala kan sooratu yoo ta’u, gariin isaa ammoo dhiiga soorata. Inni ilmoo namaa keessa dhiiga xuuxu ammoo, yeroo hedduu, yeroo namni rafu hidhii namaa ciniina. Ilbiisni kun dhukkuba chagas jedhamu daddabarsa. Dhukkubni kun sirna narviitii fi onnee ilma namaa miidha. Ilbiisni kun wagga waggaan du’a namoota kuma 10 hanga kuma 15 ta’aniif sababaa ta’a. yeroo ammaa kanas namoonni dhukkuba kanaan qabaman lakkoofsi isaanii dabalaa jira. Jalqabarratti yeroo nama idde san mallattoon mul’atu takkalleen hin jiru. Ilmi namaatis yeroo dheeraaf nagayaan deemuu danda’a. namni ilbiisa kanaan hiddame waggoota dheeraa booda dhukkubni sun itti ka’uu danda’a. dhukkubni itti ka’u kunis du’aaf isa saaxila.


Tsetse fly

6. TSETSE FLY

Kan itti aanu ammoo  tsetse fly jedhama. Ilbiisni kun korophiisaan wal fakkaata. Namni ilbiisa kanaan hiddame dhukkuba hirribaa kan sleeping sickness jedhamuuf saaxilama. Dhukkubni kun dawaa qabaatus, yoo yaala hin argannee garuu miidhaan ilma namaa irraan gahu hamaadha. Ardii Afriikaa keessatti namoonni ilbiisa kanaan hiddaman sababa yaala dhabuutiin du’aaf saaxilamu. Dawaan isaa arkamuun duratti waggaatti haga namoota kuma 400 galaafataa ture. Erga yaalli kennamuu jalqabee lakkoofsi namoota du’aniitis gad bu’aa jira. Fknf bara 2009 namni dhukkuba kanaan du’e kuma 10 hin caalu. Haa ta’u malee ammas namoonni miiliyoona torbaatama ta’an dhukkuba kanaan qabamuu malu sodaan jedhu ni jira.


Awwaannisa

7. AWWAANNISA

Sadarkaa itti aanu irratti Awwaannisa arganna. Awwaannisni qajeela ilma namaa iddee hin miidhu. Garuu karaa faallaatiin ilma namaa irraan miidhaa guddaa geessuu danda’a. Gareen awwaannisaa tokko miseensotaa miiliyoona 80 ol qabaatuu danda’a. akkasumas gareen kun squweer mile 500  haguuguu danda’a.  Awwaannisni hundi isaatuu guyyatti soorata ulfaatina isaatiin walqixaa waan sooratuuf, walumaa galatti gareen kun midhaan dheedhii kilograama miiliyoon 180 ol barbadeessuu danda’a.  Sababa kanaafis biyyoonni heddu beelaaf saaxilamaa akka jiran beekamaa dha. Akka galmeen seenaa akeekutti Impaayerri Otomaan turk bara 1915 yeroo kufu sanitti, gama diinagdeetiin sababa Awwaannisaatiin miidhaa guddaatu isa mudate. Kanaaf soorata ilma namaa toonii heddutti lakkaawamu barbadeessuudhaan beela namoota hedduuf sababaa tahee jira.


Bookee Busaa

8. BOOKEE BUSAA HUMBLE JEDHAMTU

Addunyaa irraa miidhaa guddaa ilma namaa irraan gahuudhaan sadarkaa duraa irratti kan argamtu bookee buusaati. Ilbiisni maqaa humble mosquito jedhamuun beekamtu tun du’aa namoota hedduutiif sababaa taatee jirti. Dhukkubni isiin namatti fiddus lakkoofsa hin qabu. Biyya keenya keessatti dhukkuba akka Busee (laydaa) fi yellow fever kan jedhaman beekamaa dha. Akka sadarkaa addunyaatittis dhukkuboota hedduuf sababaa yoo taatu, vaayrasiin dhiheenya kana biyyoota Ameerikaa Kibbaa keessatti miidhaa guddaa geessaa  jiru Zika Virus illee ilbiisa tanaan daddarba. Ardii Antaarkitikaa yoo ta’e malee ardiin ilbiisa tana jalaa nagaya bahe  hin jiru. Akka fakkeenyaatti dhukkuba bookee buusaa osoo fudhannee, waggaa waggaan namoonni miiliyoona tokko ta’an, sababa dhukkuba kanaatiin lubbuu dhabu. Akkasumas wagga waggaan namoonni miiliyoona 300 ol ta’antu dhukkuba kanaan qabamu. Uumama dachii tanarra jiru keessa kan lubbuu ilma namaa haala kanaan galaafatu tokkolleen hin jiru. Kanaaf ilbiisotaa fi raammolee jiran cufa keessaayuyuu sadarkaa duraa irratti argamti.

Comments
Loading...