header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo BiyyaaUSA

Imbaasiin Ameerikaa Ustaaz Ahmaddiin Jabali fi Obbo Andu’alem Arraagee Viisaa Ameerikaa seensisu dhoorkate

Dhaabbanni Atlaantik Kaawunsil jedhamu namoota hawaasa isaanii biratti jalaatamoo jedhaman filatuun kora irratti kan affeeru yoo tahu, Itoophiyaa irraa namoota 4 kan ummata biratti fudhatama qaban jechuun akka kora isaa irratti hirmaataniif waamicha godheef.

 

Namoonni Afran kunniin, qabsoo Ummanni Oromoo biyyattii keessatti geggeessaa jiru irratti adda durummaan kan beekamu Obbo Baqqalaa Garbaa, Namoota Qabsoo nagayaa hawaasa muslimaa hoogganaan jidduu immoo Miseensa Koree Furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa Ustaaz Ahmaddiin Jabal, akkasumas Gaazexeessaa Iskindir Naggaa fi Obbo Andua’alem Arraagee tahuun beekameera.

 

Dhaabbatichi namoonni kunniin kora kana Irratti akka hirmaataniif Imbaasii Ameerikaa kan Finfinneetti argamuuf xaalayaa kan barreesse akka tahe gabaasni BBN irra argame ni mul’isa.

 

Namoota afeeraman Afran jidduu Imbasiin Ameerikaa Ustaaz Ahmaddiin Jabalii fi Andu’alam Arraagee Viisaa gara Ameerikaa isaan seensisu kan dhoorkate tahuu odeeyfannoon argame ni mul’isa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button