header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Jarboowaa

Uumamni kun Jarboowaa jedhama. Uumamni kun sanyiiwwan garagaraa 30 ol qaba. Qubsumni uumama kanaatis naannoowan gammoojjii Afriikaa Kaabaa fi Eeshiyaati. Jarboowaan sanyiiwwan tuqaa utaalchaan beekaman keessatti ramadama. Uumamni kun sanyiiwwan midhaanii heddu waan barbadeessuuf, akkasumas dhukkuba garagaraa waan daddabarsuuf jecha, ilmi namaa bakka arge hundatti barbaadee ajjeesa. Sababa kanaafis lakkoofsi isaa xiqqaachaa akka jira. Anis waa’ee uumama kanaa qabxii muraasa isiniif dhiheessaa na waliin turaa.

Guddinni qaama jarboowaa haala sanyiitiin garaagarummaa qaba. Sanyiin xiqqaan seentii meetira 5 dheerata. Inni guddaan ammoo haga Seenti meetira 15 dheerata. Ulfaatinni isatis dheerinnuma isarratti hundaa’ee wal caala. Inni xiqqaan graama 28 qofa kan ulfaatu yoo ta’u, inni guddaan ammoo haga  graama 56 ulfaata. Eegeen isaa  qaama isaa ni caala. Eegeen isaa  seentimeetira 22 dheerata. Halluun gogaa isaa  naannoo jiraatu irratti hundaa’a. heddumminaan daalacha cirracha gammoojjiitiin wal fakkaatu yoo ta’u, kunis diina jalaa dhokachuu isaa dandeessisa. Eegeen isaa dheeraan sun akkuma eegee loonii fiixee irraa rifeensa yabbuu qaba. Rifeensi gogaa isaa fi funyaan isaa keessa jiru, cirrachi gammoojjii akka gara qaama isaa seenee isa hin dararre isa gargaara. Inni miila isaa irra jiru ammoo cirrachagammoojjii keessatiin akka hin liqimfane isa taasisa.

Ijji Jarboowaa akkaan guddaadha. Mataan isaa mataa hantuutaa fakkaata. Gurri isaa ammoo ajaa’iba biraati. Sanyiin gariin xiqqeenyarraa kan ka’e waanuma gurra qaban hin fakkaata. Gariin ammoo gurra akkaan dheeraa qaba. Gara harkaa fi miila isaatis yoo dhufnu ajaa’iba biraa argina. Harki isaa lamaan akkaan gabaabaadha. Miilli isaa ammoo harka isaa dacha afuriin caala. Sababa kanaaf jarboowaa hedduminaan utaalaa jiraata jechuudha. Soorata barbaachaa fi bakka tokkorraa tokkotti socho’uudhaaf seentimeetira 12 ol utaala. Haa ta’u malee diinni yoo itti dhufe, lubbuu hambifachuudhaaf yeroo takkaan haga meetira 3 utaaluu ni danda’a. yeroo utaalu kanas, qajeela osoo hin taane, shaffaaxa (Zigzag) fiigaa, diina isaa san dhamaasa. Sa’aa tokko keessattis kilomeetira 24 utaalchaan deemuu danda’a. bineensi kun yoo fagoo irraa laalan, hantuuta harka lameen hin qabne fakkaata.

Jarboowaan heddumminaan boolla lafa jalaa  keessa jiraata. Yeroo ganni dhufee lolaan heddummaatu ammoo gara gaarrenii baqata.  Bineensi kun yeroo heddu halkan halkan socho’a. oowwi gammoojjii akkaan waan ulfaatuuf, guyya guyyaa boollatti deebi’ee rafaa oolee, halkan qabbaneeffatee rizqii barbaada sochii eegala. Bineensi kun waa fuunfachuufi dhageettii irrattis haalaan jabaadha. Diina isatti dhufus shokoysama xiqqoon beekee jalaa baqata. Soorata isaaf barbaachisus hafuura fageenya irra jiru fuunfatee itti dhaqa. Sooranni jarboowaan sooratu biqiltootaa fi ilbiisota yoo ta’u, diinni innii jalaa dheessu ammoo, jeedala, adurree, bofaa fi simbira halkaniiti.

Uumamni kun naannoo gammoojjii oowwaa keessa  akka jiraatu isinitti himee jira. Haa ta’u malee, yeroo qabbanni akkaan hammaatee, haga digri seentigreedii negative 20 gad bu’u hibernate godha. Jarboowaan kopha kophaa jiraata. Yeroo wal qunnamtii wal hormaataa qofa walitti dhufa. Uumamni kun waggaa tokko keessatti yeroo lama wal qunnamtii wal hormaataa  raawwata. Rimayni dhalaatis guyyaa 25 hanga 35 tura. Kana booda ilmoolee haga 6 dhalti. Kana jechuun haadhoon takka marsaa lamaan waggaa tokko keessatti haga ilmoolee 12 dhaluu dandeetti jechuudha. ilmooleen haarawa dhalatan haga gaafa ji’a sadih guutanitti utaaluu hin danda’an.

Rabbiin keenya akka ofii barbaadetti uuma. Uumamni kun barbaadee harka ofii gabaabsee, miilaa ofii ammoo dacha afuriin dheeressee hin uumanne. Rabbii keenya dizaayinii garagaraatiin qindeessee uumuu danda’utu, akka ofii isaatii fedhetti uume. Kana booda dandeettii utaaluu isaaf kenne.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button