Jilli Hoggantoota Waldaa Wangeelota Ameerikaa Sa’uudii daaw’ate

Jilli hoggantoota Waldaa Wangeelotaa ibsa baaseen, Khamiisa kaleessaa gara Riyaad Imaluun Muhammad Bin Salmaan waliin Sa’atii lamaaf kan mari’ate tahuu beeksise. Jilli kun qondaaltota mootummaa Ameerikaa dabalatee, hoggantoota Waldaa Wangeelota Ameerikaa Israa’el deeggaruun beekkaman kan of keessatti hammate tahuu Rooyters gabaase.

 

Jilli kun ibsa isaa kanaan “Muhammad Bin Salmaan hoggantoota Waldaa Wangeelotaa ifatti Masaraa Mootummaa keessatti simachuun isaa seena qabeessa. Marii sa’aa lamaaf dhaaltuu gonfoo Sa’uudii waliin geggeessinetti hedduu gammadnee jirra” jedhe. Haa ta’u malee qabiyyee marii isaanii hin ibsine.  Dabalataanis hoggantoonni waldichaa ministeera haajaa Alaa Sa’uudii Adiil Aljubeyri, Ameerikatti Ambaasaddara Sa’uudii Khalid Bin Salmaan fi Barreessaa Liigii Muslimoota Addunyaa Muhammad Al-Issa waliin mari’atee jira.

 

 

Odeeyfannoo birootiin ammoo Mummichi ministeera Israa’eel Benjaamiin Neetaaniyaahuu, ajjeechaa Jamaal Khaashoqjiitiin walqabatee Ameerikaan Muhammad Bin Salmaan moggatti akka hin dhiibnee Donaald Traampitti kan hime tahuu gaazexaan Israa’el gabaase. Bin Salmaan qondaaltota Israa’el fi Bulchiinsa Traamp waliin hariiroo cimaa qaba.  Muhammad Bin Salmaan April 2018 Israa’el nannicha keessatti nagahaan jiraachuu mirga qabdi  eega jedhee baatii tokko  booda, Xiyyaaronni daldalaa Israa’el qilleensa Sa’uudii akka qaxxaamuran hayyamuun isaa ni yaadatama.

Waldaa Wangeelotaa2

 

 

 

 

 

 

Comments
Loading...