header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Konfiransiin nageenyaa abbootii amantaa fi abbootii Gadaatiin qophaa’e magaalaa Finfinneetti geggeeffame

Kaayyoon Konfiransii kanaa, marii dhimma nageenyaa ummata Oromoo fi Amaaraa irratti xiyyeeffate yoo tahu, Ulamaan gurguddoon biyya keenyaa, abbootiin amantaalee gara garaa, abbootiin Gadaa, Ustaazotaa fi namoonni kutaa hawaasa gara garaa irraa afeeraman 400 oli irratti hirmatanii jiran.

Walgahii kana irratti kan argame dubbi himaan Koree Furmaata Barbaadduu Hawaasa Muslimaa Ustaaz Ahmaddiin Jabal, walqixummaa dhala namaa laalchisee haasawa godhee jira.

“Hundi keenya garaagarummaa sabaa fi amantaa qabaannus, nama tahuu keenyaan akka wal kabajnee waliin jiraatuu qabnu Islaamummaan nu barsiisa”jedhe Ustaaz Ahmaddiin.

Dabalataanis ‘sabaa fi amantaan garaagarummaa qabaannus, akka biyyaatti immoo lamummaa waliin qabna. Kanaaf hariiroo qabnu cimsannee, obbolummaa lammummaa keenya kabajnee waliin jiraatuu qabna’ jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button