header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Loltoonni Isra’eel daangaa Gaazaa gama Kaabaa keessatti Falasxiinota hiriira mormii gaggeessan irratti dhukaasa banan.

Lammiileen Falasxiin Jum’aa har’aa daangaa Gaazaa gama Kaabaa fi bahaa irratti ajjeechaa waraanni Isra’eel torbaan dabre raawwate mormuun hiriira kan bahan yoo tahu, har’as loltoonni Isra’eel ummata harka qullaa hiriira bahe irratti dhukaasaa kan jiran tahuu gabaasni argame ni mul’isa.

Isra’eel Jum’aa har’aa mormiin namoonni kuma heddu irratti hirmaatan ni gaggeeffama sodaa jedhuun, loltoota kuma 30 daangaa Gaazaa irra kan qubachiifte tahuu beeksifte. Ministeerri waraana Isra’eel Avigidoor Libermaan har’as loltoonni isaa alaamanii akka rukutan hayyamni kan kennameef tahuu ibse.

Falasxiinonni dachii Isra’eel humnaan irraa isaan buqqifttetti deebi’uuf falmii godhan akka haarayaatti cimsanii itti fufuudhaaf torbaan dabre daangaa Gaazaa fi Guutuu Falasxiin keessatti hiriira mormii jalqaban. Kanuma hordofuun Jum’aa dabre loltoonni Isra’eel dhukaasa namoota nagahaa irratti bananiin yoo xiqqaate nama 20 ajjeessuun, 1600 ol madeessan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button