header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Magaalota Faransaay keessatti poolisii fi mormitoonni walitti bu’uun gabaafame

Lammiileen Faransaay kumaatamaan lakkaahaman mootummaan gibira boba’aa irra kaahe akka haquu fi qaalaya jireenyaa biyyattii keessatti hammaataa dhufeef deeggarsa diinagdee akka isaanii godhu gaafachuudhaan, November 17/2018 irraa eegalee Paaris dabalatee magaalota biyyattii heddu keessatti hiriira geggeessaa jiran.

 

Mormii hamaa Faransaay keessatti babal’ataa dhufe kana qabaneessuuf jecha, mootummaan biyyattii guyyaa dheengaddaa gibira boba’aa irra kaahe yeroodhaaf kan kaase tahuu ibsee ture. Haa ta’u malee mormitoonni huccuu boora uffatan kan ‘yellow Vest Protesters’ jedhaman Sabtii hardhaatis magaalaa Paaris keessatti  poolisoota waliin kan walitti bu’an tahuu gabaafame. Mormiin  kun gara biyyoota ollaa  kanneen akka Beeljiyeem fi Neezarlaandittis kan babal’ate tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

 

Mormii torbee dabre magaalaa Paaris keessatti geggeefame hordofuun hokkara ka’een,  lubbuun namoota sadihii dabruun namoonni 1000 ol ammoo kan madaayan tahuun beekamee jira. Dabalataanis gamoowwan daldalaatii fi konkolaatonni heddu ibiddaan gubamanii jiru.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button