header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalota Oromiyaa Keessatti hidhaan hammaatee itti fufee jira.

Lagannaan gabaa fi manaa bahuu dhabuu guyyoota sadihiif geggeeffamaa ture, guyyaa kaleessaa kan xumurame yoo tahu, kanuma hordofuun magaalota Oromiyaa adda addaatti Komaand poostiin namoota manneen daldalaa guyyoota sadiin darban cufan, Aktiiviistootaa fi hooggantoota OPDO hidhaa jiraatuu odeeffannoon argame ni addeessa.

 

Barsiisaa Yuunivarsitii Amboo fi blogger Siyuum Tashoomaa magaalaa Walisoo irraa koomaand postiin qabamee magaalaa Finfinnee kan geffame tahuus beekameera.

Kroger Feedback $5000 Gift Card offer free to win

Magaalaa Holotaa keessaatti Dhaabbileen akka Telee fi Baankii kan guyyoota sadan lagannaa cufaa turan, hardha akka hin banamne kan dhorkaaman tahuus odeeffannoon ni addeessa.

Godina Iluu Abbaa Boor magaalaa Mattuutti ajajaa poolisii godiniicha Koomander Nagaaraa, ajajaa poolisii godina Wallaggaa bahaa fi ajajaa poolisii naannoo Hararii hidhamuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button