header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Majlisni Magaalaa Finfinnee, ibsa Mootummaa Naannoo Amaaraa balaaleeffate

Manni marii dhimmoota Islaamaa waliigalaa magaalaa Finfinnee ibsa bulchinsi mootummaa naannoo Amaaraa guyyaa kaleessaa, haleellaa Masjidootaa fi saamicha qabeenya hawaasa Muslimaa magaalaa Mooxaa ilaalchisee miidiyaalee biyya keessaatiif kenne balaaleeffate.

Manni Marii Dhimmoota Islaama Ityoophiyaa, mootummaan naannoo Amaaraa, haleellaa Masjidoota fi qabeenya hawaasa Muslimaa irratti raawwatame ilaalchisee akka dhiifama gaafatu, miidhamtootaaf beenyaan akka kaaffalamu, Masjidoonni gubaman akka deebifaman jechuun irra deddeebi’ee ibsa baase.

Haa ta’u malee bulchinsi naannichaa dhimmicha irratti deebisaa osoo hin kennin turuun, guyyaa kaleessaa ibsa dhaamsa ‘baga ittiin isin gahee’ ayyaana hordoftoota amantaa Kiristaanaaf dabarse irratti, hawaasa Muslimaa yakke.

Pirizdaantiin bulchinsa mootummaa naannoo Amaaraa Obbo Tamesgen Xuruneh ibsa guyyaa kaleessaa miidiyaaleef kenne irratti “Masjidoonni haleellaa magaalaa Mooxaatti raawwatameen gubatee fi saamichi manneen daldaalaa hawaasa Muslimaa irratti raawwatame, qaamolee naannoo biraa irraa dhufan kan sochii Majlisa naannichaa jigsuuf yaalaniin raawwatame” jechuun Muslimoota yakke.

Haaluma kanaan, Manni Marii Dhimmoota Islaamaa magaalaa Finfinnee, ibsa mootummaan naannoon Amaaraa kaleessa baase jabeessee balaaleeffate. “Ibsi qondaaltota naannichaa irraa kennamaa jiru, kan dararaa Muslimoota naannichaatti akka hammeessuu fi kan ummanni Muslima biyyattii tarkaanfii biraa akka fudhatu kakaasu waan ta’eef mootummaan Federaalaa dhimmichaaf xiyyeeffannaa akka kennu gaafanna” jedhe.

5 Comments

  1. Motumaan nanoamaara amalle akka umanii Amantadhan wallit bu,u barbaadajiraa want a,ef motumaan fidraala tarkkanffi cimaa itii fudhachuqaba .kanaamales warrii masjjidaa gubaanii eraatiisirbban gadii fagenyaan qorattamuqabban .itii ansuudhanimo masjjinigubbates ijjaraamu qabba

  2. Motumaan nanoamaara amalle akka umanii Amantadhan wallit bu,u barbaadajiraa want a,ef motumaan fidraala tarkkanffi cimaa itii fudhachuqaba .kanaamales warrii masjjidaa gubaanii eraatiisirbban gadii fagenyaan qorattamuqabban .itii ansuudhanimo masjjinigubbates ijjaraamu qabba qabbenyaan gubbames dachaadhaan debi,uuqabba. Nuttii Amnttii kamiin walliin jiraataa ture hangaa haraatii guyyatoko gara amantatii wallitii bune hinbeknu yananni kiyya kanuma. Galatoma

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button