Masjiidal Aqsaa Kutaa 3ffaa

Qophii: Abu Ibtisaam

Waraanni Masqalaa eega Magaalaa Al Quds harkatti galafateen booda,  guyyoota kudhaniif walitti aansee ajjeechaa garajabeenyaa raawwate. Muslimoonni kumaatamaan lakkaawaman magaalaa Alqudsiifi Masjiidal Aqsaa keessatti Ajjeefaman.  Gama birootiin kitaabotaa fii wantoota islaamummaan wal qabatan hunda barbadeessuuf carraaqqin guddaan godhamee jira. gareen Muslimotaa muraasni kan  Magaalaa Al Quds keessa jiraataa turan, mala garagaraa fayyadamanii Qur’aana Usmaan ibn Affaan (RA) gara Magaalaa AlQuds erge qabatanii magaalattii keessaa baqatan.  Eega magaalaa Al Quds irraa baqatanii booda, Biyya Shaam Magaalaa Dimashq Qubatan. Magaalaan Dimashq yeroo sanitti iddoo baruumsi islaamummaa haala gaariin itti kennamu turte. Kanaaf, baqattoota Al Qudsiitiifis, magaalaan tun qubsuma gaarii ta’uu dandeette.

 

Dhufiinsi Waraana Masqalaa Hawaasa Muslimaa irratti dhiibbaa guddaa uume. Waraanni Masqalaa waadaa duraan seene diigee, Magaalaa Al Quds qofa osoo hin taane, dachii Shaam kan  haga Suuriyaa jiru hunda qabate. Biyyoota Muslimaa wayta dhufu waadaa seeneefii karaa bananiif hunda, waadaa diigee dhiiga isaanii dhangalaasuu eegale. Masjiidota muslimaa gara bataskanaa jijjiiruu itti fufe. Haala kanaan, waadaan duraanii hafee, dachii ummata Muslimaa irratti Impaayera kiristaanaa hundeessuudhaaf sochiin eegalame. Kuna booda hawaasa muslimaa irraa mormiin guddaan ka’uu eegale. Ummanni muslimaa duraan rakkina waraana Masqalaa akka waan salphaatti laalaa tures, cunqursaa daangaa dabre kana ofirraa deebisuuf yaaduu eegale.

 

Gama birootiin Waraanni Masqalaa karoora biraa baasuu eegale. Ummata Kiristaanaa biyyoota akka Jarman, Faransaayii fi Itaalii irraa fidee, dachii Muslimootaa keessa qubsiisuu jalqabe. Yeroo waggaa kudhan hin guunne keessatti, naannoo qarqara bishaanii fi daangaa biyya Shaam hunda dhuunfachuu danda’e. Yeroo sanitti, Amiira Muslimotaa ta’uudhaan magaalaa Baghdaad kan bulchaa jiru Mootummaan Abbaasiyyaa tahus, Mootummaan Abbaasiyyaa humna hin qabu. Muslimonnis ajjeechaa waraana masqalaatiin hedduu miidhamnii jiran. qoqqoodamiinsi jirus, haaluma yeroo ammaa jiruun wal fakkaataadha. Akkuma nuti amma teenyee, yaa Rabbi ummata Falasxiiniif dirmadhu jennu kanatti, Muslimoonni Mootummaa  abbaasiyyaa jala jiranis, yaa Rabbi nuud dirmadhu jechuu malee, Mootummaan Islaamaa kan humna waraanaa jabaa qabu kan diina dura dhaabachuu dandahu hin jiru.  Garuu humni jabaan tokko ni jira. Innis humna warra Seljuk Turk jedhamuuti. Isa booda itti deebina. In shaa ALLAH.

 

Kun osoo kanaan jiru, Waraanni Masqalaa, qubsuma isaa bal’ifachuudhaan, gara wiirtuu biyya shaam imaluu jalqabe. Magaalaa yeroo ammaa waraana guddaadhaan raafamutti jirtu Halab ykn Aliippoo, xiyyeeffannaa waraana masqalaa keessa seente. Waraanni masqalaa loltoota isaa hiriira galchuun gara magaalattii qajeelchinaan, Hoogganaan Magaalaa Halab waraana masqalaatiif karaa banee, Mormii tokko malee akka seenan hayyameef. Waraanni Masqalaatis dura dhaabbannaa tokko malee, gara Magaalattii seene. Eega magaalattii seeneen boodas, Masjiida Magaalattii keeysa jiru hunda gubbaa Masqala dhaabe. Yeroo kana dubbiin hundi ni jijjiiramte. Ummanni Halab, xiqqaa guddaan gocha kana balaaleeffatuu eegalan. Yeroo gabaabaa keessatti mormiin guddaan  magaalattii keessatti ka’e. waraanni masqalaatis magaalattii keeysaa bahee, daangaa magaalattii marsee eeguu eegale. Kana booda hoogganaa warraaqsa kanaa, Kaliifaa Muslimootaa irraa gargaarsa barbaaduug gara Magaalaa Baghdaad imale. yeroo achi gahu garuu, kaliifichi humna akka hin qabne hubatee, gara masjiidaa deemee masjiida keessatti ummata jihaadatti kakaasuu jalqabe. Yeroo gabaabaa keessatti Masjiidonni Bagdaad, bakka Muslimoonni jihaadaaf walitti lallaban taahan. Yeroo kanatti magaalaan Baagdaad bulchiinsa mootummaa Abbaasiyyaa jala jirti. Sochiin kun hoogganaa Abbaasiyyaa irratti dhiibbaa guddaa uume. Kana hordofuudhaan hoogganaan Abbaasiyyaa, Waraanni Seeljuk Turk kan Magaalaa Moosul bulchaa jiru, gara Halab deemee waraana Masqalaa irratti tarkaanfii akka fudhatu gaafate. Waraanni Seeljuk Turkiitis, gara Halab imala jalqabe.

 

Waraanni Seeljuk Turk, nama Mawduud jedhamuun durfamaa gara Magaala halab imale. Achitti waraana masqalaatiifi, Seeljuukota turkii jiddutti waraanni guddaan gaggeeffame. Yeroo muraasa booda, waraanni seeljuuk Turk injifannoo goonfannaan, waraanni masqalaa naannoo magaalaa Halab irraa baqate.  Haa ta’u malee, hoogganaan magaalaa Halab, waraanni Seeljuk gara magaalattii akka seenu heeyyamuu dide. Sababa kanaaf, waraanni Mawduudiin hoogganamu gargaarsa dabalataa barbaacha, gara Magaalaa Dimashq imale. Yeroo kanatti waraanni Masqalaa Magaalaa Dimash Qabachuudhaaf marsee jira. Yeroon kun Bara 1113 akka lakkoofsa Miilaadiyyaatti hogguu tahu,  waraana dirree Assanaabiraa jedhamutti waraana masqalaatiifi Mawduud jiddutti godhameen,  Mawduud injifannoo argatee, waraana Masqalaa magaalaa naannoo  Dimashq irraa ari’e. kun muslimotaa injifannoo guddaa ture. Jiraattonni magaalaa Dimashq, waraana Mawduudiin hoogganamu haala gaariin simatan. Haa tahuu malee hooggantoonni Magaalattii yaanni isaanii ka birooti. Hoogganaan Dimashq, waraana Seeljuk kana heddu sodaate. Kanaafuu karaa garagaraatiin, waraana Mawduud irratti tarkaanfiin akka fudhatamu karaa mijeessuu eegale. Garee Shi’aa kan Al baaxiniyyaa jedhamu hundeessuudhaan, Seeljuukota Dimashq keessa jiran irratti tarkaanfii akka fudhatan godhe.  Gareen Al Baaxiniyyaa kunis, waraana Seeljuuk kan magaalaa Dimashq keessa qubate dhokatanii ajjeesuu jalqaban.  Hogganaan Seeljuukotaa Mawduudis haaluma kanaan ajjeefame. Ammas Muslimoonni walirratti duuluu eegalan. Garee adda addaatiin jaaramaa, ofumaa waraana walirratti banuu eegalan. Waraanni humna jabaa qabu waraanni Seeljuuk Turkiitis rakkoo hamaa keessa seene. Haalli kun hawaasa muslimaa magaalaa Dimash hedduu yaaddesse. Diinni ummata Muslimatis ni heddummaate. Waraanni Muslimaa kallattii hundaan muslimootarratti duulutti jira. Muslimoonnis lafa jalaan walirratti duulu. Hooggantoonni yeroo sanii umrii  aangoo isaanii  dheereffachuuf jecha, garee garagaraa uumuudhaan muslimoota jiddutti waraanni akka ka’u godhan. Wanti kun ummata muslimaatiif rakkoo guddaa tahe. Boorahu malee hin calalu akkuma jedhan, rakkoon daangaa dabrite tun, hawaasni muslimaa kallattii hundaa akka if ilaaluufi tarkaanfii isaatis akka jijjiiruu qabu karaa akeeke. Kana booda muslimoota keeysatti jijjiiramni guddaan tokko hawaasa muslimaa keeysatti uumame. Muslimoonni waraana masqalaa dura dhaabbachuun duratti, ofumaa if qulqulleeysanii, waraana humna jabaa qabu kan Adawwii dura dhaabbachuu dandahu jaaruun dirqama tahuu irratti walii gale. Walii galtee ummataa kana booda,  namni ajaa’ib jabaan tokko dhufe.  Innis Hoogganaa Seeljuk Turk, Imaaduddiin Zankii Ataabik jedhama. Bara 1127tti, Imaaduddiin Zankiin hoogganaa Magaalaa Moosul godhamee muudame. Kaayyoon Imaaduddiin Zankii, waraana Masqalaa dachii Muslimootaa keessaa qulqulleessuudha. Imaaduddiin kaayyoo dheeraa kanaaf, humna isaa jaaruu jalqabe.

 

 

Comments
Loading...