header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Namticha Gabaabaa Dheeratee Addunyaa Ajaa’ibsiise

Haala ijaarma qaamaatiin eenyummaa namaa yoo ibsan; diimaa dheeraa, furdaa gabaabaa, magaala dheeraa, gurraacha qal’aa jechaa dubbatan. Garuu nama gabaabaa dheeraa jedhamee yaamamu takkaa dhageeysanii beeytuu?

 

Aadam Reeynar jedhama. Seenaan Aadam Reeynar heddus barreeffamuu baatu, rakkinni fayyaa kan inni qabu garuu adda dureen addunyaarratti akka beekkamu isa godheera. Bara 1899tti biyya Oostriyaa keessatti dhalate. Abbaa fi haati isaa dheerinna jiddu galeessaa qabu. Abbaan isaa meetira 1.68 dheerata. Haati isaa ammoo meetira 1.63 dheeratti. Ilmi jara kanniin lamaan jidduu argame Aadam Reeynar garuu, akka joollee isaan qixaatti dheerachuu hin dandeenye.

 

Ilmi isaanii gabaabbatus, Abbaa fi Haati garuu xiyyeeffannaa fi jaalala isaaf kennan irraa hin hir’isne. Haa tahu malee Aadam akka barbaadutti jireenyi isaa qajeeluu hin dandeenye. Waan silaa umrii isaatiin madaalu dalagee gammaduun itti ulfaate. Gaafa wagga 16 guutu dheerinni isaa meetira 1.37 ture. Nama umrii kanaatiif dheerinni kun haalaan gabaabaadha. Gaafa wagga 18 guutus heddu hin daballe. Qabxi 0.01 qofa dabaluun meetira 1.38 tahe. Aadam Umriin bilchaataa dhufe. Dheerinni isaa garuu waan silaa yaadamuu miti. Tahus kaayyoo isaa fageessee yaaduu jalqabe. Bara 1914tti wayta waraanni addunyaa tokkoffaa jalqabutti, Aadam loltuu tahee galmaayuudhaaf gaafatee ture. Haa tahu malee dheerinni isaa hamma barbaadamu waan hin taaneef gaafiin irraa fuudhamuu dide.

 

Aadam wagga muraasa booda Ispoortii dalagee qaama jabeeffatee, ammas loltuu tahuudhaaf iyyate. Tahus gaafa umriin isaa 19 guutu dheerinni isaa meetira 1.43 bira hin dabarre. Ammas gaafiin isaa irraa hin fuudhamne. Sababni isaatis Akka seeraatti namni umrii kanatti meetira 1.47 gad tahe gabaabaa (dwarf) jedhama. Haa tahu malee haalli Aadam kan namoota biroo irraa adda ture. Gabaabbatee haalaan hin xiqqaanne. Dheerates bakka barbaadamu hin geenye. Garuu harkii fi faanti isaa haga silaa dheerachuu qaban caala dheeratan. Gama biraatiin ammoo qaamni isaa guutuun haalaan qal’aadha. Ulfaatinni isaatis xiqqaadha.

 

Gaafa wagga 21 guutu wanti hundi ni jijjiirame. Akka aadatti beekamutti, wagaa 21 jechuun yeroo namni dheerina itti dhaabuudha. Aadam garuu dheerachuu umrii kanatti jalqabe. Haala amma dura argamee hin beekneen saffisa guddaan dheerinni isaa dabalaa deeme. Gaafa umriin isaa 33 gahu, Aadam Reeynar dheeratee meetira 2.2 gahe. Haala Kanaan dheeratee nama hunda caalee argamuun fedhii Aadam ture. Garuu Aadamiif wanti inni haalaan hawwaa ture, toltuu osoo hin taane hamtuu qabatee itti dhufe.

 

Aadam dhibee jallachuu lafee duydaatiin qabamee, lafeen isaa kan duydaa caafamuu jalqabe. Waggoota hedduuf Dhibema Kanaan heddu dararamaa ture.  Aadam haga gaafa du’uutittis dheerinna hin dhaabne. Akka ogeeyyiin fayyaa jedhanitti, rakkina xannacha Piituutariitu aadam irratti dhiibbaa guddaa fide. Xannachi umrii isaa 21 dura haala xiqqaa qofaan hormonii maddisiisaa ture, gaafa inni 21 gahu haala barameen ala horomoonota heddu maddisiisuun dheerina Aadam dabaluu danda’e.

 

Ogeeyyonni fayyaa rakkoo kana jalaa isa baraaruudhaaf xannacha rakkoo qaba jedhanii amanan kana muranii keessaa baasanii turan. Garuu bu’aa tokkollee hin argamsiisne. Dheerinni Aadamis hin dhaabbanne. Inumaa rakkinuma Kanaan ija isaa kan mirgaa fi gurra isaa kan bitaa dhabuu danda’e. Aadam boodarratti caafamni duyda isaa humnaa ol itti tahee deemsa isa dhoorkee siree irratti hafe. Bara 1950tti umrii isaa 51tti du’ee dachii tanarraa godaane. walumaa galatti Aadam Reeynar seenaa addunyaa tanaa keessatti jalqaba nama gabaabaa jedhamee eega galmaayeen booda, xumurarratti ammoo dheeraa jedhamee galmaayee dachii irraa gale. Namoonni Aadamiin dheerinnaan caalan hedduudha. Kan aadamiin adda godhu jalqaba gabaabaa tahuu isaati. Namoonni dhedheeroon biroo garuu xiqqeenyumarraa haalaan dheerataa turan.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

Comment

Back to top button