header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Miseensi Paarlaamaa Netherlands duraanii, kan jibbiinsa Islaamummaa leellisuun beekamu gara amantaa Islaamaa deebi’e

Van Klaveren miseensa Parlaamaa Netherlands fi qondaala paartii PVV kan jibbiinsa Islaamaa leellisuun beekamuu kan ture yoo tahu,  Isniina kaleessaa gara amantaa Isaa kan dhalootaa Islamummatti deebi’uu ifatti labse.  Van Klaveren yeroo dheeraaf  Nezerlands keessatti  duula farra muslimootaa fi baqattootaa kan geggeessaa ture yoo tahu, amantaa Islaamaa jibbaa ture akkamitti  akka fudhate gaaffii fi deebisaa Raadiyoo Dutch waliin godhe irratti akka jechuun hime:

“Kitaaba hammeenya Islaamummaa ibsu qopheessuuf kitaabota gara-garaa osoo dubbisuu, wantoota hedduu kan gara Islamummaa na deebisu arge, Islaamummatti deebi’uuf dirqame ” jedhe.

 

Namni kun kanaan dura barruulee fi miidiyaalee gara-garaa irratti, “Islaamummaan amantaa dharaati, Qur’aanni Summii of keessaa qaba”jechuun qeeqa ture. Haata’u malee haasawni isaa kan duraanii, akkasumas poolisiin paartiin isaa PVV jedhamu jibbiinsa Islaamummaa leellisuun geggeessu hundi dogongora tahuus ibse.

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button