header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Miseensonni Koree Furmaata barbaadduu hawaasa Muslimaa hidhaa irraa hiikaman Haala Fayyaa Ustaaz Ahmaddiin Jabal ilaalchisee ibsa basaan

Miseensonni Koree Furmaata barbaadduu hawaasa Muslimaa badii tokkoon alaatti hidhaan dararamaa eega turanii booda, mootummaan ofumaa isaan hidhee ture dhiifama Isiniif godhe jechuun hiike, haala fayyaa Ustaaz Ahmaddiin Jabalii fi Obboleeyyan isaan waliin hidhamanii hanga ammaatti manuma hidhaa keessa jiran ilaalchisee guyyaa kaleessaa November 26/2017 ibsa basaan.
Ibsa isaanii kanaan , haala fayyaa Ustaaz Ahmaddiin Jabalii fi hidhamtoota manneen hidhaa keessa jiran irratti kan xiyyeeffate yoo tahu, haalli qabatamaa manni hidhaa fayyaa hidhamtootaa ittiin keessumeessaa jiru, kan seera biyyattii irratti kaahameen kan wal hin madaallee fi sababa amantaa isaaniitiif dhiibbaan kan isaan irratti godhamaa jiru tahuu fi mootummaan rakkoo kana hordofuun furmaata hatattamaan akka kahuu qabu ibssame.
Miseensota koree furmaata barbaadduu hawaasa Muslimaa hidhaa irra jiranii fi lammiilee sababa adda addaatiin hidhamaniif mootummaan eeggumsa fayyaa gahaa ta’e akka godhuufis gaafataniiru.
Miseensonni koree fi Obboleeyyan biroo kan sababa gaaffii mirga amantaa hawaasni muslimaa kaaseen hidhamanii hiikaman hundi, dhimma namoota hidhatti hafanii fi rakkoowwan jiran karaa nagayaatiin furuuf  tattaaffii godhaa turan ammas kan itti fufanii jiran tahuu ibsaaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button