header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Mootummaan Isra’eel loltoota isaa Viidiyoo waraabuu fi Suuraa Kaasuu seera dhoorku labsuudhaaf qophaayaa jira

Wixineen seeraa paarlaamaan biyyattii qopheesse kun mootummaa Isra’eeliin fudhatama argatee jira. Mootummaan Isra’eel “wixineen kun suuraalee fi vidiyoo  loltoota keenya salphisuuf waraabbamu ittisuuf barbaachisaadha”jedhe.

Wixineen seeraa kun kan qophaaye yeroo dhihoo asitti ajjechaa fi dararaa loltoonni Isra’eel Falasxiinota irratti raawwattu Viidiyoo fi suuraaleen saaxilan baay’innaan mul’achuu hordofuun akka tahe gabaasni arganne ni mul’isa.

Isra’eel viidiyooleen akkanaa kunniin waraana biyyattii “maqaa xureessaa”jira jechuun dubbatti. Wixinee seeraa kana irrattis “namootni loltoota suuraa kaasanii fi Viidiyoo waraaban irra hedduun loltoota keenya qaanyessuuf yookaan ammo nageenya biyya keenyaa miidhuuf yaadaniiti”jechuun ibsame.

Gareewwan mirga namoomaatiif falman akka jedhanitti, wixineen seeraa kun ajjechaa fi dararaa garjabeenyaa loltoonni Isra’eel Falasxiinota irratti raawwataa jirtu, ija addunyaa jalaa dhoksuuf kan yaadame jechuun qeeqaa jiru.Kun immoo Isra’eel dachii Falasxiinotaa humnaan qabatte keessatti yakka raawwataa jirtu addunyaan waan hubateef, hamma tokko dhoksuudhaaf yaalii godhaa jirtu tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

https://youtu.be/oTDBul6hdSA

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button