header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan tatamsaa’a dhibee Koroonaa-Vaayiras to’achuuf tarkaanfii haarawa fudhate

Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmad Koree tatamsaa’a dhibee Koroonaa Vaayiras ittisuuf hundeeffame waliin ganama kana mari’atee jira. Marii kana irrattiis tarkaanfiiwwan tatamsaa’a dhibee kana ittisuuf fudhatamaa jiran baldhinaan mari’atuun gabaafame.

Dr Abiy Ahmad tarkaanfiiwwan dabalataa armaan gaditti tarreeffaman hojjiirra kan oolfaman tahuu ibse. Ummannis qajeelfamoota bahan hordofanii hojjiirra akka oolchan gaafate.

Tarkaanfiiwwan kunniin
1. Har’a waree booda irraa kaasee imaltoonni biyyoota alaa irraa haarawni Finfinnee seenan, kanneen Kaffaltii Hoteela ittiin tursiifaman baasuuf humna hin qabne gara Yunivarsitii Finfinnee damee Saayinsii fi Teknooloojii geeffamanii achi akka tursiifaman.

2. Har’a irraa kaase ammas dhaabbilee barnoota ol’aanoo dabalatee manneen barnootaa torbaan lamaaf akka cufaman

3. Iddoowwan gabayaa fi dhaabbilee amantaatti adda fageenyi hawaasummaa cimee akka to’atamu. Mootummaan Federaalaa walgahii amantaa kamiyyuu bitineessuuf aangoo ni qaba. Tarkaanfiin heera biyyattiitti irkatuun labsame kun hojii irra oolfamuun dura, ummanni qajeelfama adda fageenya ykn walirraa hiiqanii turuu kahame hojii irra oolchuu qaban.

4. Haali dhibee kanaa deeggarsa dabalataa barbaada. Ogeeyyiin fayyaa barnoota irra jiraniifi kanneen soorama bahan dirqama biyyooleessaaf of qopheessuu qaban.

5. Mootummaan iddoo namoonni dhibee kanaan shakkaman tursiifamanii fi itti wal’aanaman, akkasuma meeshaalee wal’aansaa ni qopheessa. Lammiileen hundi siree, uffata halkanii fi meeshaalee wal’aansaa barbaachisan akka deeggarsa godhan gaafate.
6.Qaala’iinsa damee Faayinaasii tasgabbeessuuf Baankiin Biyyaaleessa Baankoota liqii dhiyeessaniif Birrii Biiliyoona 15 kan keennu tahuu.

7.Meeshaalee ittisa weerara vaayrasii koroonaaf oolaan qaraxa malee bilisaan akka galan .

8.Dhaabbilee meeshaalee weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf oolan biyya alaa irraa galchan, hanqinni sharafa alaa akka hin mudanneef Baankoonni dursa akka keennaan ni taasifama.

9.Dhaabbileen tajaajila Faayinaasii tuttuqaa maallaqaa hir’suuf jecha tajaajila kaffaltii bilbilaan akka raawwatan ni kan godhamu tahuu.

11. Sababa weerara koroonaa vayrasiin hanqinni dhiyeessii shaqaxootaa fi daballiin gatii akka hin mudannee hojiin to’annoo fi hordoffii cimee kan itti fufu ta’uu, Muummichi Ministiraa Abiya Ahimad ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button