header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Yaman fi gareen finciltoota kibbaa walii galtee nageenyaa mallatteessan

Mootummaan Yaman kan beekkamtii UN qabuu fi gareen finciltootaa Emreetsin deeggaramu kan Kibba biyyattii Yaman irra fottoqsuuf socho’u, Kiibxata har’aa Sa’uudii magaalaa Riyaad keessatti walii galtee nageenyaa mallatteessan. Sirna mallattoo Televizhiina mootummaa Sa’uudiitiin kallattiin dabre kana irratti, dhaaltuun gonfoo Sa’uudii Muhammad Bin Salmaan haasaya godheen “Walii galteen kun Yaman keessatti nageenyi akka bu’uuf carraa bal’aa kan uumu waan taheef, ammas Sa’uudiin mootummaa fi ummata Yaman gama hundaan deeggaruu itti fufti”jedhe.

Sirna mallattoo kana irratti qabxiileen walii galtee kan hin ibsamin tahus, Aljaziiraan maddeen isaa waabefatuun akka gabaasetti ammoo, mootummaan Yaman kaabinee haarayatti hundeessu keessatti qondaaltonni finciltootaa akka muudaman, loltoonni finciltootaa ammoo waraana mootummaa Yaman jalatti akka gurmaayan qabxiileen jedhan walii galticha keessa kan jiran tahuu beekamee jira.

Baatii Hagayyaa dabre keessa gareen finciltootaa kun lola hamaa waraana mootummaa irratti baneen, magaalaa guddoo kibba biyyattii Adan to’aannoo jala galfachuun isaa ni yaadatama. Kanuma hordofuun mootummaan biyyattii gama tokkoon garee Huusii magaalaa Sana’aa fi naannawa Kaaba biyyattii too’atuun, gama birootiin ammoo garee finciltoota Kibbaa Emreetsin deeggaramuun marfamee danqaa hamaa keessa ture.

Walii galtee Yaman1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button