header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Muslimoonni Galmee Nabiyyuu Siraaj fi Khadiir Muhammad jalatti yakkaman adabbiin hidhaa hir’ifameefi akka hiikaman murteeffame.

Manni murtii Federaalaa kanaan dura muslimoota kanniin yakka koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa fi muslimoota gaafii mirga amantaa ummanni kaasen walqabatee hidhaa irra turan humnaan hiksisuuf yaalii gootan jechuun  adabbii hidhaa irratti murteesse ture.

Muslimoonni kunis koreen haa hiikaman jechuun gaafatuun keenya badii miti jechuun ol iyyannaa kan dhiheeffatanii turan yoo tahu, manni murtii ol iyyannaa isaani ilaalaa tures dhaddacha guyyaa har’aa ooleen adabbiin isaan irratti murteefamee ture hirdhifamuun akka lakkifaman murteessuu maddeen gabaasaaniiru.

Bellama mana murtii guyyaa hardhaatti hawaasni muslimaa lakkoofsaan hedduu tahes kan argame tahu beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button