header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Muummichi ministeera Lubnaan Sa’ad Hariirii gara Sa’udii imale

Mummichi ministeera Lubnaan Sa’ad Hariirii Arba’aa har’aa gara Sa’udii imaluun magaalaa Riyaad keessatti Malik Salmaan waliin mari’ate. Sa’ad Hariirii Ji’a November /2017 keessa daaw’annaaf gara Riyaad eega seenee boodaa Taayitaa  kan lakkise tahuu labsuu isaa hordofuun, mootummaan Lubnaan Hariiriin mootummaa Sa’udiitiin uggurame jechuun labsii taayitaa gadhisuu muummicha ministeera biyya isaa kan hin fudhanne tahuu beeksise.Kanuma hordofuun Faransaayi jidduu seenuudhaan Sa’aad Hariirii gara Lubnaan deebi’uun taayitatti deebi’uun isaa ni yaadatama.

Mootummaan Sa’udii gochaa san harka kessaa hin qabu jechuun kan waakkataa ture yoo tahu, inumaayyuu Lubnaan gara Hizboollahtti fayyadamuudhaan Iiraan gargaaraa jirti jechuun Yakkite.

Hariiroo biiyyoota lamaanii eegasii as hammaataa dhufe fooyyessudhaaf mootummaan Sa’udii muummicha  Ministeera Lubnaan kan affeere yoo tahu, dhaaltuu gonfoo Mahammad Bin Salmaan dabalatee qondaaltota biyyattii waliin kan mari’atu tahuu ejensiin odeeyfannoo Sa’udii gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button