header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad dhaabbilee hawaasaa fi paartiilee Siyaasaa biyya alaa jiran waliin mari’ate

Jilli Muummicha ministeeraa Dr Abiy Ahmadiin durfamu lammiilee Itoophiyaa Ameerikaa Kaabaa jiraatan waliin mari’achuuf Khamiisa dheengaddaa gara Ameerikaa imale. Imala kanaan lammiilee Itoophiyaa naannawa Magaalaa Washington Jaaratan waliin guyyaa kaleessaa marii geggeessee jira.

 

Haaluma Kanaan Jiilli qondaaltota Itoophiyaa muummicha ministeeraatiin hoogganamu Kora Badr International 18ffaa maagaalaa Washington keessatti geggeefamaa jiru irratti kan argaman yoo tahu, Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmadii fi Prezdaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa hawaasa muslimaa kora kana irratti hirmaataa jiruuf haasawa godhaniiru.

 

Muummichi Ministeera Dr Abiy Ahmad Amantiin Islaama akkuma maqaa isaa amantaa nagayaa tahuu fi Itoophiyaan seenaa Islaamummaa keessatti gahee guddaa kan qabdu tahuu  ibsuun haasawa isaa jalqabe. Itti dabaluudhaanis , biyyatti keessatti dhaabbileen jajjaboon amantaa Islaamaas tahe kanneen biroo nu barbaachisu jedhe.  Dr Abiy Ahmad daaw’annaa dhiheenya kana gara Emreets godhe irratti, Itoophiyaa keessatti dhaabbilee Islaamaa banuuf Emreets irraa gargaarsa kan gaafte tahuu ibse. Dhuma irrattis hawaasni muslimaa jajjabaatee misooma biyyattii irratti akka hirmaatu gaafatee jira.

 

Haaluma walfakkaattuun Obbo lammaa Magarsaatis  hawaasa muslimaa kora Badr international irratti hirmaataa jiruuf haasawa godheen, lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiraatan humnaa fi beekumsa qabaniin sochii misoomaa fi dimokrasii biyya keessatti geggeefamaa jiru akka tumsaniif waamicha godhe.

 

Gama biraatiin ammoo Muummichi ministeeraa dhaabbiilee Siyaasa biyya alaa jiran waliin kan mari’ate yoo tahu, Paartiileen Siyaasaa biyya alaa jiran biyyatti deebi’anii karaa nagayaatiinn akka siyaasaa irratti hirmaatan waamicha godhe jira. Dr Abiy Ahmad hooggaanaa paartii Ginbot7 Dr Birhaanuu Naggaa waliin kan mari’ate tahuunis beekameera.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button