header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Sagantaan Eebba fi Tumsa Miidiyaa Nuuralhudaa Magaalaa Makkaatti geggeeffame

Sagantaa hawaasa biyya keenyaa kan magaalaa Kabajamtuu Makkaa keessa jiraatuun qophaa’e kana irratti, lammiileen biyya keenyaa magaalota adda addaa irraa garasitti imaluun hirmatanii jiru. Akkasumas Ulamaa’onni fi keessummoonni kabajaa magaalota Gara-garaa irraa dhufanis dhaamsa dabarfatanii jiru.

Televizhiina Nuuralhudaa kan miidiyaalee Islaamaa biyya keenyaa keessaa yeroo jalqabaatiif Afaan Oromootiin tamsaasa Satalaayitii jalqabuun fakkeenya ta’e kanaaaf,  sagantaa kana irratti tumsi kan godhame tahuus beekameera. Ulamaa’onni fi  keessummoonni sagantaa kana irratti argamanis, hawaasni muslimaa miidiyaa isaa akka jabeeyfatu,  akkasumas beekumsaa fi qabeenyaan akka tumsu dhaamsa dabarfatanii jiru.

Guyyaa hardhaa immoo Daayreektarri ol anaa Miidiyaa Nuuralhudaa Ustaaz Abdurrahmaan Huseen, dhimmoota gara-garaa irratti Ulamaa’otaa fi bakka bu’oota hawaasa biyya keenyaa magaalaa Makkaa  keessa jiraatu  waliin marii geggeesse jira. Qabxiiwwan marii kana irratti ka’an jidduu,  Karoora Miidiyaa Nuuralhudaa, tokkummaan Ulamaa’ota  biyya keenyaa daran cimsuun akkamitti waliin hojjatuun danda’ama dhimmoonni  jedhan kan keessatti argaman ta’u odeeyfannoon ni addeessa.

Sagantaa Tumsa TVNH2

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button