header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Naannoo Oromiyaa magaalaa Adaamaatti namni vaayrasii koroonaatiin qabame tokko argamuu ibsame

Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasa Ityoophiyaa ibsa guyyaa har’aa kenneen namoonni 4 dabalataan Vayirasichaan qabamuu isaanii kan mirkanaahe tahuu ibsuun, namoota kanneen jidduu tokko jiraataa magaalaa Adaamaa tahuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota Vayirasichi irratti argame 16 gahee jira.

Namoonni guyyaa har’aa qabamuun isaanii mirkanaa’e:-

1.Manguddoo lammii Ityoophiyaa umrii waggaa 61 jiraataa magaalaa Adaamaa yoo ta’u, namoota alaa dhufan waliin wal qunnamtii nama qabu tahuu ibsame.

2. Dubartii lammii Ityoophiyaa umrii waggaa 28 tan Israa’eel irraa kan dhufte.

3.Dubartii lammii Ityoophiyaa umrii wagaa 24 tan namoota kanaan dura vayirasichaan qabaman waliin tuttuqaa kan qabdu.

4. Lammii Moriishes umrii waggaa 72 Koongoo Braazaaviil irraa dhufe tahuu ibsame.

Namoonni kunneen iddoo tursiisa addaa keessa galuun hordoffiin taasifamaafii kan jiru yoo ta’u, namoota isaan waliin tuttuqaa qaban 37f hordoffiin taasifamaa jiraachuu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksise.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button