header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Namichi Briiteenitti Muslimoota Masjiidaa bahaa turan Makiinaa itti buusee ajjeese hidhaa waggaa 43tiin adabame.

Namtichi Daren Osborne jedhamu waggaa dabre ji’a Waxabajjii keessaa,  Muslimoota Masjiida Kaaba Landanitti argamutti salaatanii bahaa turan konkolaataa irra oofuun battalumatti nama tokko ajjeessuun namoota heddu ammoo madeessee ture. Mr Osborne eega Konkolaataa namoota irra oofeen booda “ergama kiyya galmaan gaye” jechaa lallabaa akka ture ragoonni Abbaa alangaa mana murtiitiif kan ibsan tahuu gabaasni arganne ni addeessa

Abbaan seeraa Mana murtichaa dhaddacha Jum’aa dabre oolerratti; ” Daren Osborne jibbiinsa Muslimootaa qabu irraa ka’uun balaa ajjeechaa fi saniin duras akkanuma yaalii ajjeechaa hin milkaayin raawwachuun  isaa ragaadhaan waan mirkanaayeef, adabbiin hidhaa waggaa 43 itti murtaayee jira” jechuun ibse. Mr Daren Osborne yeroo ammaa umriin isaa 48 tahuu gabaasni kun ni mul’isa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button