header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Paarlaamaan Itoophiyaa Labsii Yeroo Muddamaa raggaasisuuf guyyaa boruutti walgahii ariifachiisaa geggeessa

Mootummaan Ityoophiyaa weerara dhibee vayirasii koroonaa biyyattii keessatti babal’ataa dhufe to’achuuf, labsii yeroo muddamaa labsuu guyyaa kaleessaa beeksisee ture.

Haata’u malee mootummaan qajeelfamootaa fi dhorkaalee labsii kan hin beeksisin yoo tahu, guyyaa boruutti qajeelfamoota fi dhorkaalee labsiichaa raggaasisuuf, paarlamaan walgahii ariifachiisaa kan geggeessu tahuu waajirri mummicha ministeeraa beeksise.

Waajira mummicha ministeeraatti itti gaafatamaan kutaa preesii Obbo Nigusuu Xilaahun,
“jimaata boruu paarlaamaan labsii eega raggaasise booda, qabxiiwwan labsii bahe irratti dhorkaman ni ibsamuu”jedhe.

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button