header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Paarlaamaan Itoophiyaa Wixinee Labsii Dhiifamaa Raggaasise

Manni marii bakka bu’oota ummataa Walgahii Idilee Caamsaa darbe geggeesse irratti wixinee labsii dhiifamaa dhihaateefii ture,  bal’inaan akka qoratamuuf gara Koree dhaabbii Seeraa fi haqaatiif dabarsee ture.  Manni marichaa walgahii idilee hardha geggeesse irratti wixinee kana sagalee caalmaa taheen  raggaasisuun beekameera.

 

Wixineen labsii dhiifamaa kun,  namoota yakkoota  akka siyaasaa, biyya ganuu, yakka fincilaa mootummaa fi biyya irratti raawwatuun himatamaniif, nageenyaa fi tasgabbii biyyaatiif jecha mootummaan guutumaan guututti  dhiifama  godhuufi kan danda’u tahuu kan ibsuudha.

Wixinee kana irratti ulaagaaleen labsii dhiifamaatis kan tarreefaman yoo tahu

  1. Yakki raawwatame birmadummaa biyyaarratti dhiibbaa kan hin qabaanne
  2. Nagaa fi tasgabbii buusuuf filannoo ta’ee yoo argame fi
  3. Namoonni dhiifamni godhamuuf fedhii jireenya nagayaatti deebi’uuf isaan qaban irratti hunda’uun kan raawwatamu tahuun ibsameera.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button