EeshiyaaOdeeyfannoo

Misaa’ela Baalastikii Yaman irraa gara magaalaa Riyaad dhukaafameen lubbuun nama tokko dabrite

Halkan edaa finciltoonni Huusii Misaa’ela Baalastikii Yaman irraa gara magaalota Sa’udii kan dhukaasan yoo tahu, humni ittisa qilleensa Sa’udii misaa’ela torba qilleensa irratti kan fashaleesse tahuu beeksise. Misaa’ela Sadi kan gara magaalaa Riyaad dhukaafamee eega fashaleeffameen booda, misaa’ela caccabeen namni lammii masrii tokko kan du’e tahuu dubbii himaan waraana gamtaa Arabaa Koloneel Turkii Al-maliki beeksise.
Kolonel Turki Al-maliki akka jedhetti misaa’elli gara magaaloota Abhaa, Jiizaan fi Najraan dhukaafames , haaluma walfakkaatuun qilleensa irratti kan fashaleeffame tahuu ibse. Gareen Huusii gama isaatiin akka jedhetti, haleellaa gamtaan waraana Arabaa Yaman keessatti gaggeessaa jiru haloo bayuudhaaf misaa’ela Baalastikii gara magaalota Sa’udii dhukaasuu addeesse.

Comment

Related Articles

Back to top button