Platypus, Bineensa Uumama Addaa Qabu.

Qophii: Abu Ibtisaam

Uumamni kun uumama ajaa’ibaati. Yoo fagoo laalan uumama gosa sadih irraa waan ijaarame fakkaata malee, bineensa tokko hin fakkaatu. Qaama bineensota Beaver fi Otter jedhamanii uumama kana irratti arguu dandeettu. Qoffee isaa fi kottee isaatiin allaattii fakkaata. Eegeen isaa bishaan keessa daakuuf akka mijahutti uumame ammoo uumama beaver jedhamuun wal isa fakkeesse. Qaamni isaa laafaa fi rifeensaan uwwifame ammoo uumama Otter isa fakkeesse. Maqaan uumama kanaatis platypus jedhama. Uumamni kun naannawa Awustraaliyaa gama bahaa fi dachii Taasmaaniyaa jedhamu keessa jiraata. Platypus uumama bishaan yaa’u ykn ammoo bishaan burqu keessa jiraatuudha. Jaarraa 19ffaa keessa uumamni kun rifeensa isaatiif jecha ilma namaan adamsamaa ture. Haa ta’e malee lakkoofsa isaa osoo hin xiqqaatin yeroo dheeraaf turuu danda’eera.

 

Ramaddii

Platypus hoosiftoota keessatti kan ramadamu yoo ta’u, qaamni isaa xiqqaa dha. Dheerinni isaa seentimeetira 38 hanga 48 ta’a. ulfaatinni isaatis kulograama 1.5 hin caalu. Kormaan hamma xiqqoonillee ta’u dhalaa ni caalu. Akkuma duratti isinii hime uumamni kun uumama addaati. Qoffeen isaa akka sanyiilee allaattii tokko tokkootti baxxee ykn ammoo diriiraadha. Akkasuma kotteen isaatis kottee allaattiin wal fakkaata. Qubbeen isaa jidduu gogaa haphii qaba. Eegeen isaatis dheeraa yoo ta’u, akka uumama beaver jedhamuu baxxee (diriiraa)dha. Kunis bishaan keessa daakuudhaaf haalaan gargaarsa isaaf godha.

Jaarmaya Qaamaa

Kormaa fi dhalaa jidduu garaagarummaan tokko ni jira. Sunis warri kormaa kottee isaanii kan duubaarraa summii qabaachuu isaaniiti. Qaama summii qabu kana uumamni lachuu gaafa duraan dhalatan ni qabu. Haa ta’u malee dhalaan gaafa ji’a sadih guuttu, dandeettiin isii kan summii qabaachuu ni dhaabbata.  Summiin kormaa kun uumama akka saree kan ajjeesuu danda’u yoo ta’u, ilma namaa ammoo dhukkuba hamaaf saaxiluu danda’a. dhukkubbiin kun ji’a tokkoo oliif turuu danda’a. kanaafuu Platypus hoosiftoota summii qaban muraasa keessaa isa tokko jechuudha.

Kotteen Platypus kottee allaattiiwwan hedduu waliin wal fakkaata. Qubbeen isaa jidduu gogaa haphii qaba. Faaydaanis isaatis lama. Inni duraa, gaafa bishaan keessaa bahee lafarra deemu, akka cirrachi isa hin liqimsine, gogaa haphii qubbeen isaa jidduu jiru diriirsuun ittiin deemuudha. Kana lammataatis deemsaaf tajaajila. Deemsa bishaan keessaati male. Achi keessattis, kottee isaa san diriirsuudhaan harkaan akkuma nuti bishaan of jalaa dhoofnutti dhahaa daaka. Eegeen isaatis bishaan keessa daakuudhaaf gargaarsa isaaf godha. Dabalataan eegeen isaa kun soorata bifa faatii (coomaan) keessatti kuufatuudhaafis tajaajila kenna. Eegeen isaa kunis cooma qaama isaa keessa jiru keessaa parsantii 50 kan ta’u of keessaa kuufata.

Soorata

Sooratni Platypus bishaan keessaa argama. Kanaafuu uumamni kun irra deddeebiidhaan bishaan keessa seenuun isaaf dirqama. Wayta bishaan keessa seenu kana ija, gurraa fi funyaan isaa ni cufa. Kana booda bishaan keessa daakaa, soorata argate guurata. Rabbiin keenya bishaan keessatti ija akka dunuunfatu, gurras akka cufatu isa taasisus, miira dabalataa biraa kenneefii jira. Kunis miira addaa qoffee isaa guddaa san irra jiruudha. Miirri isaa kunis akkuma raadaariin (saatalaayitiin) wantoota naannoo isaa jiru fageenyarraa beekuu danda’utti, innis bineensota bishaan keessa sosocho’an bakka jiranii fi maal akka ta’an beekuu danda’a. kana booda, dogoggora tokkoon maletti dhaqee qabata.

Platypus bishaan jala yeroo dheeraaf turuu hin danda’u. Yoo guddate daqiiqaa lamaaf qofa bishaan keessa tura. Uumamni kun ilkaan hin qabu. Kanaafuu qoffee isaa jabaa sanitti fayyadamee, shiriimpotaa fi bineensota xixiqqoo bishaan keessaa qabatee daqiiqaa lamaan bishaan jala turu san keessatti boqoo isaa keessatti kuusa. Kana booda gara lafaa ol bahee, irga isaatti fayyadamuun soorata san bulleessaa liqimsa.

Haala Jireenyaa

Platypus uumama yeroo dheeraaf boqonnaan dabarsuudha. Guyyaa keesatti yoo xiqqaate saa’aa 17’f boolla bishaan cinatti qote keessa rafaa oola. Kana booda wayta lafti halkanaawu bishaan keessaa bahee soorata isaa adamsa. Boolli inni keessa jiraatu kun hulaa lama qaba. Hulaan ittiin seenuu fi hulaan ittiin bahu kan garagaraati. Akkasumas boolli isaatis gosa lama qaba. Inni tokko kan akkanumaan keessa jiraatu yoo ta’u, kan lammataa ammoo kan ilmoolee keessatti kunuunsuudha. Boolli kunuunsa ilmooleetiif qophaaye, boolla haala addaan qophaayee yoo ta’u, isa kan duraa irra jireenya ilmooleetiif amansiisaadha. Boolli ilmooleef qophaayu kun haga meetira soddomaa dheeraadha.

Hormaata

Platypus hoosiftoota keessatti ramadama. Haa ta’u malee fakkaataa isaa hin dhalu. Eega wal qunnamtiin wal homaataa raawwatameen booda, haadhoon hanqaaquu haga sadihii buusti. Hanqaaquu kanas guyyaa kudhaniif eega hammatteen booda cabsitee ilmoolee keessaa yaafti. Platypus akka hoosiftootaa mucha hin qabdu. Hoosiftoota jechuun bineensota ilmoolee isaanii hoosisan jechuudha. Eegasuu platypus hoosiftoota keessatti akkamitti ramadame jechuun keessan hin oolamu. Platypus mucha qabaachus baatu, aannan ni maddisiisa. Aannan isaa kun garaa isaa jalaan qaama argamu keessatti kuufama. kana booda ilmooleen platypus qaama haadha isaanii san arraabaa aannan dhugu. Ilmooleen platypus haalaan xixiqqoo waan ta’aniif, haga ji’a afurii osoo hin socho’in gargaarsuma haadhaan turu. Fedha Rabbiitii Platypus haga waggaa kudhanii jiraachuu danda’a.

Comments
Loading...