header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Prezdant Traamp Waliigaltee Niwukilarii Iiraan diiguuf dhaadachuu isaa Ruusiyaa fi Biyyoonni Awuroopaa balaaleffatan.

Ruusiyaa fi biyyoonni Awuroopaa kanneen michuu ameerikaa ta’an, Pirazadant Traamp dhimma Niwukularii Iiraan ilaalchisee waliigaltee bara 2015 taasifame diiguuf dhaadachuun isaa fudhatama kan hinqabne jechuun balaaleffatan. Biyyoonni kunniin gama isaaniitiin raawwii waliigaltee isaniitiif Iiraan waliin kan hojjatan tahuu ibsan.

Tiraamp ibsa kenneen, waligaltee Nikwukilarii Iiraanii fi biyyoota jaha jiddutti mallattefamee ture, adeemsa raawwii isaatiif beekkamtii hin kennu jedhe. Inumaayyuu Koongrasiin Ameerikaa guyyoota 60 kessatti qoqqobbii Iiraan irratti kan hin deebisne yoo tahee fi biyyoota jahan waliin waliigalteen akka haarayaatti yoo kan hin godhamne yoo tahe, guutumaan guututti waliigalticha kan diigu tahuu dhaadate.
Dhaabbata mootummoota gamtoomanitti Ejensiin too’annoo Niwukilarii gama isaatiin, Iiraan akkaataa waliigaltee saniitiin adeemaa akka jirtu ragaa bahe. Ministerri Haajaa alaa Ruusiyaa ibsa baaseen akka jedhetti, adeemsi fi hasayni Tiraamp adeemsa dipolomasii addunyaa kan hin hubatin jechuun tuffate.
Dabalataanis hanga Iiraan akkataa waliigaltee saniitiin adeemtetti, Ameerikaan dhimma kana irratti kophaa isii dhiibbaa guddaa hin fiddu jedhe.
Prezadantiin Iiraan Hasan Ruhaanii  ibsa Tiraamp hordofuun deebii kenneen, Iiraan waligaltee bara 2015 kan raawwattu tahuu ibsuun, halaa kamiinuu walii galtee haaraya kan hin seenne tahuu hime.
Biyyoonni jahan Iiraan waliin bara 2015 waliigaltee Niwukilarii mallateessan Ameerikaa, Ruusiyaa, Chaayinaa, Britaaniyaa, Faransaayii fi Jarman tahuun niyaadatama. 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button