header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Qondaalli Tika U.A.E. tokko gamtaan waraana biyyoota Arabaa dhaabbata Miidiyaa Aljaziiraa akka haleelu waamicha godhe


Ajajaan poolisii Dubaay Daahii Khalfaan “haleellaa Jum’aa Masjiida masrii irratti geggeeffame kan kakaase, dhaabbata miidiyaa shoroorkeessitootaa Aljaziiraa waan taheef, waraanni gamtaa biyyoota Arabaa miidiyaa kana haleeluu qaba” jechuun toora Tiwiiterii irratti barreeesse.

Hujii geggeessaa Aljaziiraa kan tahe Yaasir Abuhilalah dhimma kana ilaalchisee akka jedhetti , Qondaalli mootummaa U.A.E. Dhaabbanni miidiyaa Aljaziiraa akka haleelamu waamichi dabarse wanta salphatti ilaalamu akka hinta’in ibsuun, balaa dhaabbaticha fi hojjattoota isaa irra gayuu malu hundaaf mootummaan U.A.E gamanumaa kan itti gaafatamu tahuu ibse.
Mr Yaasir ibsa isaa kanaan “Shororkeessummaaf kakaasuu jechuun waamicha qondaalli mootummaa U.A.E. amma dabarse kana; dhaabbatni miidiyaa akka haleelamu waamicha dabarsuun mataan isaatuu shororkeessummaadha” jechuun ibse.

Daahii Khalfaan yeroo hedduu yaada akkaanaa kennuun kan beekkamu yootahu, kanaan dura “Ameerikaan lammiilee biyyoota muslimaa gara biyya isii akka hin seenne ugguruun tarkaanfii sirriiti” jechuu isaa gabaasni arganne ni mul’isa. 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button