header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Sadarkaa guyyoota Kurnan ZulHijjaa

Guyyaan Har’aa Zulqi’daa 23, 1442.
Iidal Ad-haaf guyyaa 17 waan hin caalletu hafe. Guyyaa 7 booda baatii tana xumurree ZulHijjaa tti seenna.

Guyyoota 10nan ji’a ZulHijjaa gama duraatti argaman keessa Ibaadaan goonu mindaa guddoo qabdi.

Ibaadaan guyyoota kanniin keessatti goonu mindaa gaarii qabdi. Qur’aana keessatti guyyoota kanniiniin Rabbiin kakatee jira..

*والْفَجْر* وَلَيَالٍ عَشْرٍ *

“Barii/Fajriin kakadha! Halkan kurnan (ji’a ZulHijjaa tiinis) ni kakadha!”

Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad(SAW) guyyoota baatii ZulHijjaa jalqaba irratti arkaman kana ilaalchisuun akkana jedhan:
“Ibaadaa guyyaa biroo gootan irra, tan guyyoota kurnan ZulHijjaa(gama duraatti arkaman) kana keessa gootantu caala. Rabbi birattillee irra jaalatama” jennan,
Sahaabaan dubbii tana ajaa’ibanii “karaa Rabbii irratti qabsaawuu irrallee, Ibaadaa kurnan kana goonuutu caalaa?” Jedhanii ergamaa Rabbii gaafatan.

“Ee! Ibaadaa kurnan kana gootantu caala. Yoo nama Jihaadaaf jecha lubbuufi qabeenya isaa baasee wareegamee hundaan achumatti hafee malee” jechuun deebisan.

Kanaaf guyyoota kanniin Ibaadaa irratti cichinee akka dabarsinuuf gamanumaa haa qophoofnuu.


Rabbiin Guyyoota saniin nu haa gahu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button