header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sagantaan Da’awaa guyyaa lamaaf turu Magaalaa Suruphaa keessatti Sabtii boruu kan jalqabamu tahuun beekame

Sagantaa da’awaa Godina Booranaa magaalaa Suruphaa keessatti geggeefamu kana irratti hirmaatuuf, Keessummoonni heddu biyya keessaa fi biyya alaa irraa gara magaalaa Suruphaatti imalaa jiru. Jilli Ulamaa’otaa fi Du’aatotaa godinaalee Oromiyaa heddu irraa, akkasumas Keeniyaa irraa sagantaa kana irratti hirmaachuuf magaalattii kan seenaa jiran tahuu Odeeyfannoon arganne ni addeessa. Sagantaa guyyaa lamaaf turu kana irratti, magaalaa Suruphaa fi naannawa isiitti Ijaarsa madarasaa fi Da’awaa babal’isuudhaaf qophiin galii walitti qabuu ni geggeefama.

Haaluma kanaan jilli daa”iiwwanii Ustaaz Muhammad Rabi’i Hasaniin durfamu, godina Baalee irraa ka’uun garasitti kan imalaa jiru tahuun beekamee jira. Jilli Daa’iiwwanii Godina Baalee irraa dhufaa jiru Kitaabota diinii 480 kan Afaan Arabaa fi Afaan Oromootiin qophaayan raabsuudhaaf kan karoorfate tahuun beekameera. Jilli kun galgala har’aa magaalaa Suruphaa ni seena jedhamee eegama.
Ustaazonni godina Baalee irraa ka’uun garasitti imalaa jiran kunniin;

Ustaaz Muhammad Raab’I Hasan
Ustaaz Mubaarak Haaj Abdul-Aziiz fi
Ustaaz Ibsaa tahuun beekameera.

Jilli Ulamaa’otaa Keeniyaa irraa ka’es galgala har’aa ni seena jedhamee eegama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button