header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Walitti gaarrifannaan Ameerikaa fi Iraan jiddutti hammaataa dhufe baha jiddu galaa keessatti sodaa guddaa uumee jira

Ameerikaan Jum’aa kaleessaa ajajaa ol’aanaa waraanaa Iiraan Jeneraal Qaasim Suleeymani Baagdaad keessatti eega ajjeeftee booda, baha jiddu galaa keessatti sodaan hamaan kan uumame tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Keessumattuu Iiraan ajjeechaa komaandara waraana isii irratti raawwatame haaloo kan baatu tahuu akkuma ibsiteen, Ameerikaanis waraana isii naannichatti argamu cimsuuf loltoota 3000 dabalataan gara baha jiddu galaatti ergitee jirti. Dabalataanis lammiileen isiitis Iiraaq keessa akka bahan akeekkachiste.

Haaluma wal fakkaatuun, sodaa lolaa naannichatti hammaataa dhufe hordofuun dhaabbilee fi biyyoonni tokko tokko lammiilee isaanii baha jiddu galaatti argaman akeekkachiisaa jiran. Haaluma kanaan Bahreeyin fi Urduun lammiileen isaanii gara Iraan fi Iraaq akka hin imalle, akkasumas kanneen kanaan dura biyyoota lamaan keessa jiranis hatattamaan gara biyyaatti akka deebi’an akeekkachiisan. Briteen, Faransaay, Jerman dabalatee biyyoonni heddu lammiileen isaanii baha jiddu galaa keessa jiran of eggannoo cimaa akka godhan akeekkachiisaa jiran.

Qondaaltonni Israa’el gama isaaniitiin Iraan karaa hidhattoota Hizbolaah fi kanneen birootiin Israa’el irratti haloo bahuu malti soda jedhuun, waraanni biyyatti of eeggannoo cimaa irra akka turu ajajanii jiran.

Bulchiinsi Dhaabbata Aviyeeshiinii Fedraala Ameerikaa ammoo Daandiiwwan Xiyyaarota biyyattii sochii baha jiddu galaa keessatti geggeessan ilaalchisee, of eeggannoo dabalataa akka godhan yoo akeekkachiisu, dhaabbanni Exxon Mobil jedhamu ammoo hojjattota biyyoota alaa dirree oomishaa boba’aa Iraaq keessatti bobbaasee ture biyyattii baasee jira.

Jeneral Qasim Suleimani

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button