header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahee 494 gahe

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa har’a baaseen, sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabratoorii 3,757 geggeesseen, namoota 61 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vayirasichaan qabamuu mirkanaahee 494 gahee jira.

Namoota haarayatti Vaayirasichi irratti argame jiddu 43 dhiira, 18 ammoo dubartoota akka tahaniifi, umriin isaanii 15-70 tahuu ibsame. Iddoon jireenna namoota kanneenii ammoo 48 jiraattota magaalaa Finfinnee yoo tahan, isaan keessaa namoonni 43 seena imala biyya alaatis tahee, nama kanaan dura dhibame waliinis wal qunnamtii hin qaban.
Dabalataanis namoonni biroo 2 Naannoo Oromiyaa Magaalota Burraayyuu fi Sabbataa irraa, namoonni 7 kanneen naannoo Somaaleetti kophatti baafamanii hordoffiin yaalaa godhamaafii ture yoo tahan, namoonni 3 naannoo Affaar, tokko ammoo naannoo Amaaraa irraa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

Namoota guyyaa har’aa Vayirasichi irratti argamuu ibsame jidduu 11 imala biyya alaa irraa kan deebi’an yoo tahan, 5 ammoo namoota kanaan dura Vaayirasichaan qabaman waliin wal qunnamtii qabaachuu gabaafame. Namoonni 45 ammoo seena imala biyya alaatis tahee , nama kanaan dura dhibame waliinis wal qunnamtii hin qaban.
Haaluma walfakkaatuun guyyaa kaleessaatis vaayirasichi namoota 34 irratti argamuu gabaafame.
Akka gabaasa ministeera faayyaatti Itoophiyaa keessatti walumaa galatti hanga guyyaa har’aa qorannoon labraatorii 78,962 kan gaggeeffame tahuu ibsame.
Lakkoofsi namoota vayirasicha irraa bayyanatanii ammoo 151 akka gaheefi, hanga ammaatti namoonni 5 vaayirasichaan du’uu ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button