SALAATA IIDAA

Salaata Iidaa kan jennuun salaata guyyaa Iidal Faxrii fi Iidal Ad’haa (Arafaa) Salaatamu, kan salaata waajibaa guyyaa guyyaan salaatamuun adda ta’e, salaata ayyaana waggaati.

 

Salaatni Iidaa Masjiidaan alatti iddoo bal’aa ta’e kan akka Paarkii, dirree bal’aa kkf irratti Jama’aa guddaan salaatama. Yoo Waqtii Gannaa ta’ee dhoqqeen salaata kan dhoorku tahe, masjiida keessatti salaatuun ni danda’ama.

 

Salaatni Iidaa yeroo aduun baatee sirritti mul’atte salaatama. Salaanni Iidaa raka’aa lama qaba. Salaata Iidaa duras ta’ee booda salaanni sunnaa salaatamu hin jiru. Salaata Iidaatiif azaanas ta’ee iqaamaan hin godhamu.

 

Ibni Abbaas(RA) akkana jedhe; “Nabi Muhammad(SAW) salaata Iidaa raka’aa lama qofa salaataa akka turan hin shakkisiisu. Sana duras ta’ee booda hoomaa hin salaatne” –(Bukhaarii fi Muslim gabaasan)

 

 

AKKAATAA RAAWWII SALAATA IIDAA

Salaata iidaa raka’aa jalqabaattii Takbiiraa yeroo torba, raka’aa lammataa keessatti ammoo yeroo shan walitti aansanii takbiiraa jechuun alatti, akkuma salaata raka’aa lamaa kan biraatti salaatama. Salaata Iidaa irratti imaamni Saratul Faatihaa fi suura qur’aanaa kan birootis sagalee ol fuudhee qara’a.

 

Kabiir Ibni Abdullaah (RA) akaakayyuu isaa irraa karaa abbaa isaatiin kan itti himame akka galmeessetti; Nabiin (SAW) salaata iidaa irratti osoo qara’uu hin jalqabne dura raka’aa jalqabaatti takbiraa yeroo torba, raka’aa lammataatti ammoo takbiiraa yeroo shan  jechuu isaanii ibse.-(Tirmiizii, ibni Maajahii fi Daaramiin gabaasan)

 

 

Ja’ifar Ibni Muhammad (RA) gama isaatiin akkana jedhe. “Nabi Muhammad (SAW), Abuu Bakrii fi Umar (RA) salaata Iidaa fi salaatul istisqaa’I (salaata yeroo roobni dhabamee, bonni hammaatu kadhaa rabbiitiif salaatamu) keessatti raka’aa jalqabaatti takbiiraa torba, raka’aa lammataatti shan jechuun isaanii hin shakkisiisu. Ergamaan Rabbii Khuxbaa salaata iidaa booda irra godhan(qara’an) (Shaafi’ii).

 

 

 

Comments
Loading...