Masjiid Al-Aqsaa Kutaa 1ffaa

Masjiidni Mana Rabbiiti. Masjiidni bakka muslimoonni jama’aan keessatti walitti qabamanii, Rabbii isaaniitiif itti sujuudani. Masjiidni bakka qalbiin Muslimootaa itti tasgabbooftuudha. Walumaa galatti masjiidni mana muslimoonni heddu akkaan jaalataniidha. Masjiidota dachii tanarra jiran keessaa masjiidonni gurguddoon 3, Islaamummaa keessatti sadarkaa ol aanaa qabu. Isaanis Masjiidal Haram kan magaalaa Makkaa keessatti argamu, Masjiidal Nabawii kan Magaalaa Madiinaa keessatti argamu, akkasumas Masjiidal Aqsaa kan Magaalaa Al Quds keessatti argamuudha. Masjiidal Haram, Qiiblaa itti garagallee salaannu waan taheef namuu waahee isaa sirritti beeka. Masjiidannabawiinis Masjiida Nabii keenyaaf jalqaba Magaalaa Madiinaa keessatti ijaarame, akkasumas bakka bulchiinsi Islaamummaa jalqabaa itti eegalame waan taheef waahee Masjiida kanaatis hedduun keenya ni beekna. Masjiidal Aqsaa hoo?

 

Masjiid Al Aqsaan Masjiidota gurguddoo amma dubbanne lameenitti aanee, masjiida sadarkaa guddaa qabuudha. Seenaa islaamaa keessattis masjiida seenaalee gurguddoo hedduun beekamu. Masjiidni kun Biyya Falasxiin, Magaalaa Al Quds keessatti argama. Masjiid al Aqsaan walitti bu’iinsa amantiilee gurguddoo sadan; Kiristaanummaa, Juudaahiizimii, fi Islaamummaa ta’ee jira. Kanaaf Waa’ee Masjiida kanaa beekuun Muslimotaaf barbaachisaadha. Mee Masjiid Al Aqsaa gabaabinaan isinii seenessina. Qalbiin nu faana bu’aa.

Masjiid Al-Aqsaan Magaalaa Al-Quds ykn Jerusaalam keessatti Argama. Magaalaan tun Muslimootaaf seenaa guddaa qabdi. Magaalaan tun eddoo dhaloota nabiyyoota hedduuti. Nabi Daawud (AS) fii nabi Suleeymaan (AS) magaalaa tana keessatti dhalatan. Nabi Iisaan (AS) ammoo magaalaa tana keessatti ummata barsiisee jira.  Rasuulli Rahmataa Nabi Muhammad  ﷺ , Halkan gama samii imalan Magaalaa tanarraan deeman. Deemsa halkanii saniin Nabiin keenya  ﷺ Makkaa irraa gara Magaalaa tanaa eega dhaqanii booda, achirraa gara Samii bahan. Samiirraahis karuma kanaan deebi’anii gara Makkaa dhufan. Kanaaf magaalaan Al Quds, onnee Muslimootaa keessaa bakka guddaa qabdi.

 

Yeroo Rasuulli  ﷺlubbuun jiranitti, Muslimoonni waa’ee Iyyarusaalam Heddus hin beekan. Waa’ee deemsa Israa fi Mi’raajaa yoo taate malee, namni magaalaa Al Quds tanaaf xiyyeeffannaa kennu hin turre. Garuu Eega Rasuulli  ﷺ gama aakhiraa godaananii booda, Bulchiinsi muslimootaa babal’ataa deeme. Waraanni Umar ibn al Khaxxaabiin (RA) ergame magaalaa Al Quds eega baneen booda, Magaalaan tun Muslimootaaf akkaan barbaadamtuu tahaa dhufte. Eddoon Masjiidal aqsaan jiru ammoo, muslimotaaf daran bakka akkaan barbaachisaa fi wiirtuu baruumsaa ta’uu jalqabe.  naannoon masjiidni kun irra jiru Muslimootaaf qofa osoo hin taane, Kiristaanaa fi Yahuudaatiifis barbaachisummaa guddaa qaba. Haga arraattis amantiileen sadan kunniin bakka kanarratti walii galuu dadhabanii jiran. Eega Biyyi Israa’el jedhamtu hundeeffamtee as ammoo, sababuma Masjiida kanaatiin warraaqsi Intifaadaa jedhamuun beekamu yeroo lama worraaqfamee jira. Iddoon kabajaa guddaa qabu, kan amantiileen addunyaa gurguddoon 3 irratti wal dhaban kun iddoo akkamiiti. Maaliif amantiileen hundi iddoo kana barbaadu? Gaafilee kanniiniif deebisaa kennuuf if booda deebinee seenaa qorachuu barbaachisa.

 

Masjiidal Aqsaa namni jalqaba ijaare Nabi Suleeymaani. Nageenyi Rabbii isarra haa jiraatuutii.  Masjiinni inni jaare kun Yeroo dheeraaf eega akka masjiidaatti tajaajileen booda, koloneeffattoonni Roomaa dhufanii naannoo Falasxiin koloneeffatan. Achi booda naannoon kun jeeqamuu jalqabe. Roomaawwan awaama turan. Koloneeffattoonni Roomaa eega aangoo qabatanii booda, jiraattota naannoo kanaa hunda cunqursuu itti fufan. Achi booda Yahuudonni Magaalaa Al quds keessa jiraatan fincila kaasan. Koloneeffattoonni roomaatis tana sababaa godhachuudhaan, masjiidicha barbadeessan. Yahuudota magaalattii keessa turanis magaalattii keessaa ari’anii baasan. Naannoo Masjiinni kun irraa diigamettis, balfa garagaraa gatuu jalqaban. iddoon ibaadaa Rabbiitiif ijaarame kun, iddo balfi itti gatamu tahuuf dirqame. Bakki kunis irraanfatamee qalbii ummataa keessaa bahe.

 

Umar Ibnul Khaxxaab fii Masjiid Al Aqsaa

 

Eega yeroo dheeraatii booda, khaliifaan 2ffaan Umar Ibnul khaxxaab (RA), eega magaalaan Al Quds harka Muslimootaa seentee booda gama magaalattii deeme. Kana booda hooggantoota Magaalattii bira dhaqee,  “mee iddoo Nabi Daawud fi nabi Suleeymaan (AS) Rabbiin itti gabbaraa turan bira na geessaa. Akkasumas bakka Nabiin keenya gara Samii ittiin bahan natti mul’isaa”  je’ee gaafate. Wanti itti mul’isan garuu bakka ibaadaa hin fakkaatu. Balfi naannoo sanitti gatame naannoo san guutumaan guututti balleessee jira. Haa ta’u malee Umar ibn A Khaxxaab (RA) akkasumatti dhiisuu hin barbaanne. Manni Rabbii haala kanaan miidhamee arguun isaatti hin tolle. Karaan Salaanni amma salaataa jirru ittiin nuuf dhufe akkana ta’uun isaa heddu isa naasise. Qiiblaan muslimootaa kan duraanii akkanatti irraanfatamuun garaa isa raase. Kanaaf Muslimoota bakka san jiran waliin ta’ee naannoo san qulqulleesse. Kana booda Masjiidal Aqsaa akka ijaaramu godhe.

 

Naannoon Masjiidal Aqsaan irratti ijaarame kun Haram Al Shariif jedhamuun beekama. Naannoon kun Magaala Al Quds gara bahaatti kan argamu yoo ta’u. Masjiidal Aqsaan ammoo gama kibba Haram Al Shariifitti ijaarame. Masjiidal Aqsaa ammoo kan ijaarsise Umar ibn Al Khaxxaab ture. Masjiidni inni ijaarsises wiirtuu baruumsaa fi ibaadaa tahee tajaajila kennuu eegale. Bara 690 Akka lakkoofsa Miilaadiyaatti ammoo Hoogganaa mootummaa Umaawiyyaa kan ture Abdulmalik binu Marwaan, naannoo Masjiidichaa san bal’isee ijaare. Dabalataan AbdulMalik binu Marwaan Masjiidal Aqsaa irraa meetira 200 gara kaabaa ol siiquun Masjiidassakraa ijaare. Namoonni hedduun Masjiidal Aqsaa jechuu isa Abdul Malik ijaare kana seehu. Masjiidni inni ijaarsise kun yeroo heddu Masjiidal Aqsaa jedhamaa namatti himama. Inni kun garu dogongora. Masjiidal Aqsaa jechuun isa Umar ibn Al Kahxxaab ijaarsise yoo ta’u. Halluun bantii isaa ammoo daalacha. Masjiidassakraan kan Abdulmalik ibn Marwaan ijaarsise ammoo Bantii bifa warqii qaba.

Abdul malik Masjiida kana akka masjiida addaatti hin ijaarsisne. Akkuma qaama masjiidal aqsaatti ijaarsise. Masjiidni inni ijaarsise kunis magaalattiidhaaf bareedina addaa kenne. Magaalaan Al Qudsis masjiidicha kanaan beekamti. Bocni Masjiida kanaa roga saddeet kan qabu yoo ta’u, gubbaa isaatti ammoo bantiin meetira 20 dheeratu kan bifa warqii hallame qaba. Abdul Malik Magaalaa tanaaf akkasumas Masjiida kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuudhaan kunuunsa godhee ture. Mootummaan Umaawiyyaatis ijaarsaaf xiyyeeffannaa guddaa kennaa waan tureef, Magaalaan AlQuds fi Masjiidal Aqsaan kunuunsa guddaa argatanii jiru.

 

Mootummaan Umaawiyaa bara 750tti moohamee mootummaa Abaasiyaatiin jijjiirame. Achi booda Mootummoonni Abbaasiyaa magaalaa bulchiinsa isaanii gara magaalaa Baaghdaad jijjiiran. Jarri Akka Umaawiyaadhaa ijaarsaaf xiyyeeffannaa hin kennine. Haala kanaan Al Qudsii fi Al Aqsaan kunuunsa duraan argataa turan, amma deebi’anii dhaban. Mootummaa Abbaasiyaarraa xiyyeeffannaa dhabanis

 

Masjiidni Al Qasaa fi Magaalaan Al Quds ummata muslimaa irraa kunuunsa guddaa argatanii jiran. Ummanni Muslimaa magaalaa tanaa fi masjiida kana daaw’achuudhaaf garas deemuu hin dhiifne. Makkaa fi Madiinatti aansuudhaan bakki muslimoonni hedduminaan walitti qabaman magaalaa tana taate. Haga jaarraa 10ffaatis haalli kun akkasumatti itti fufe, yeroo kanatti sababa sosochii lafaa Magaalaa Al Quds mudateen,  Masjiidichi xiqqoo miidhamus, ijaarsi garagaraa godhamaafii haga arraa turuu danda’ee jira.

 

Comments
Loading...