header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Turkiyaan, Mootummaan Suuriyaa Idliib keessatti haleellaa yoo kan raawwatu tahe, harka marattee kan hin ilaalle tahuu beeksiste

Mariin hoggantootni Turkiyaa,  Iiraan fi Ruusiyaa  dhimma Suuriyaa irratti Tehraan keessatti geggeessan walii galtee malee xumurame. Kanuma hordofuun Prezdant Erdogaan akka jedhetti, Suuriyaa keessatti lammiileen nagayaa kumaatamaan ajjeefamaa addunyaan guutuun yoo kan caldhisu tahes, Turkiyaan harka marattee  hin ilaaltu jechuun akeekkachiise.

 

Marii Tehraan irratti mootummaan Suuriyaa fi michoonni isaa Rusiyaa fi Iiraan duula Idliib keessatti jalqabuuf karoorfatan akka haqan Turkiyaan kan gaafatte tahus, biyyoonni lamaan gaafii Turkiyaa kana hin fudhanne. Mootummaan Bashaar al-Asaad Ruusiyaa fi Iiraaniin deeggaramuun kutaa biyyattii heddu harka finciltoota keessaa kan baase yoo tahu, kutaan biyyatti yeroo ammaa harka finciltoota keessatti argamtu Idliib qofa.  Mootummaan Suuriyaa michoota isaa waliin kanaan dura kutaalee biyyattii harka finciltootaa keessa turan irratti duula bal’aa geggeesseen, meshaalee waraanaa akka addunyaatti dhoorkaman ummata nagayaa irratti kan darbataa ture tahuun ni yaadatama.

 

Lammilee Suuriyaa kutaa biyyattii kanneen biroo keessaa haleellaa waraana mootummaa baqatuun naannicha keessa qubatan dabalatee ummata miiliyoona 3 ol tahutu Idliib keessa jiraata. Walgahiin biyyoota sadeenii yeroo geggeefamaa turetti, Xiyyaaronni waraana Ruusiyaa fi mootummaa Suuriyaa Kibba Idliib keessatti haleella raawwataniin siviilota heddu kan ajjeessan tahuu gabaasni argame ni ibsa.

 

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button