header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ulamaa’onni biyya keenya kan Ameerikaa Kaabaa keessa jiraatan Murtii Ulamaa’onni gurgguddoon biyya keessaa dabarsan kan deeggaran tahuu ibsan

Ulamaa’onni kunniin Ameerikaa fi Kanadaa irraa Konfiraansii Masjiida Asraar kan Kanadaa magaalaa Edmantan irratti hirmaatuuf kan argaman yoo tahu, Murtii Ulamaa’onni biyya keenyaa guyyaa lama dura dabarsan kan deeggaran tahuu ibsuun, ibsa ijjaannoo qabxii 8 qabu baasan.

1. Hawaasni Muslimaa biyya keessaafi biyya alaatti argamu tokkummaa isaa akka jabeeyfatu
2. Ummanni Muslimaa Biyya keessa jiru Jijjiirama yeroo ammaa biyyaatti keessatti muldhataa jiru mootummaa cinaa dhaabbatuun akka jabeeyfatu.
3. Hiriira deeggarsa mummicha ministeeraatiif Finfinnetti godhame irratti haleellaa boombii raawwatame kan balaleeffatan tahuu.
4. Mootummaan Gaafii mirgaa hawaasni muslimaa yeroo dheeraaf gaafataa jiruuf deebisaa akka kennu
5. Fataawaa Ulamaa’onni Biyyaa sirna Hajjii bara kanaa fi hooggantoota majliisa seeraan alaa ilaalchisee baasan kan deeggaran tahuu
6. Lolaa fi buqqa’iinsa ummata aanaalee daangaa Naannoo Oromiyaa fi biyyatti iddoo adda addaatti muldhataa jiruuf, mootummaan hatattamaan akka furmaata kaahuu akkasumas ummanni buqqa’e akka qubsiifamu
7. Ulamaa’onni Biyya keessa fi biyya alaa lammiilee keenya kan qe’ee isaanii irra buqqa’an qubsiisuu fi deeggaruuf tattaafatan ammas cimsanii akka itti fufan gaafatan.
8. Ummanni qaamoota nageenya biyyatti booressuuf socho’an akka saaxilu waamicha godhaniiru
NuuralHudaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button