UN duguuggaan Sanyii Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatamu ammas kan itti fufe tahuu beeksise

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti hogganaan garee duguuggaa Sanyii Miyanmaar keessati raawwatame qoratuu Marzuuq Daarusmaan ibsa Arba’aa kaleessaa kenneen, biyyattii keessatti duguuggaa sanyii muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatamaa jiru hawaasni addunyaa hatattamaan  dhaabsisuu qaba jedhe. Mr Marzuuq akka jedhetti, qondaaltonni Mootummaa Miyanmaar dararaa fi ajjeechaa Muslimoota Rohingiyaa 400,000 ol tahan kanneen biyyattii keessatti hafan irratti hammeessanii itti fufaniiru.

 

Qorataan addaa UN Yanghee Lee gama isaatiin, hoggantuun Miyanmaar Aung Saan Suuchii duguuggaa sanyii Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatamaa jiru dhaabsisuuf, akkasumas namoota yakka kana adda durummaan qindeessanii fi raawwataa jiran seeraaf dhiheessuuf fedhii hin qabdu jedhe.

 

Dhaabbanni Ontario International Agency jedhamu gabaasa dhiheenya kana baaseen, August 2017 irraa jalqabee haleellaa Muslimoota Rohingiyaa irratti xiyyeefateen,  namoonni  24,000 ol humnoota mootummaa Miyanmaariin kan ajjeefaman tahuu ibse. Akka gabaasa kanaatti dubartoonni 18,000 kan gudeedaman yoo tahu, namoonni 34,000 ibidda keessatti  darbamaniiru. Dabalataanis namoonni 114,00 reebamanii jiru, manneen 230,000 ammoo saamamanii gubamaniiru.

Comments
Loading...