header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Kongirasiin Ameerikaa Prezdaant Traamp irratti qorannoo yakkaa kan jalqabu tahuu beeksise

Afa Yaa’iin kongirasii Ameerikaa Nancy Pelosi ibsa Kiibxata kaleessaa kenniteen, Prezdaant Traamp mootummaan biyya biroo siyaasa Ameerikaa keessa akka seenu affeeruun isaa heera Ameerikaa kan cabse waan taheef, qorannoon yakkaa prezdaanticha irratti ni geggeeffama jette. Miss Pilosiin itti dabaluudhaanis “namni kamuu heera biyyaatii gadi waan taheef, Prezdaantichi yakka dalaguun isaa yoo mirkanaahe,  adeemsi aangoo Prezdaantummaa irraa mulquu itti fufa”jechuun ibsite.

 

Kongirasiin Ameerikaa Prezdaant Traamp irratti qorannoo geggeessuuf kan murteesse, filannoo dhufu irratti kadhimamaa Prezdaantii tahuun kan dhihaate  Joe Biden fi ilma isaa irratti, mootummaan Yukreen qorannoo akka geggeessu,  Prezdaant Traamp bilbilaan Prezdaantii Yukreen gaafachuu isaa miidiyaaleen biyyattii eega gabaasanii booda.  Akka gabaasa kanaatti, Donald Traamp July 25,2019 prezdaantii Yukreen Volodymyr Zelenskitti bilbiluun, sochii daldalaa ilmi Joe Biden biyyattii keessatti geggeessu irratti qorannoon akka godhamu gaafate. Dabalataanis Prezdaant Traamp mootummaa Yukreen irratti dhiibbaa godhuuf jecha, maallaqa deeggarsaa Kongirasiin Ameerikaa Yukreeniif hayyamee ture Dolaara miiliyoona 400 biyyattii irraa kan qabate tahuu ibsame.

 

Traamp jalqaba irratti haasawni bilbilaa Prezdaantii Yukreen waliin godhe seera qabeessa tahuu ibsuun, waraabbii haasawa kana Kongirasiidhaaf keennuuf kan hin dirqamne tahuu ibsee ture. Haata’u malee Waayithaawus ibsa kaleessa baaseen, haasaya bilbilaa kana dhimmoota nageenya biyyattii ilaallatu keessaa hambisuun, dhimmoota biroo  barreeffamaan kan baasu tahuu beeksise.

Kongirasii US.jpg

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button