header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Afrikaa Kibbaatti haleellaafi saamichi lammiilee biyyoota biraa irratti raawwatamu itti fufe jira

Torbaan dabre irraa kaasee duula jibbaafi dhiphummaa hamaatu garasitti lelisaa jira. Lammiileen gara-jabeeyyiin Afrikaa kibbaa, gurraacha akka isaanii kan hojii fi jireenyaaf garas dhaqe itti bobbahuun miidhaa hamaa irraan gahaa jirani.

“Ardii Afrikaa irratti, gurraacha akka keenyaatiin kun nurra gaha jannee hin yaadne. Osoo mootummaan jiruu, sodaa seeraa tokkoon alatti sibiila qara qabuun guyyaa adii nama waraananii, barbaadanis qalanii ittiin nu sodaachisaa jiran” jedhan qubattoonni.

Hanga ammaatti duula lammiileen gara-jabeeyyiin Afrikaa kibbaa godhaa jiran kanaan lubbuun nama 10 galaafatame, Hedduun ammoo miidhamanii jiru. Qabeenyi qubattootaa miliyoonaan lakkaawamu ammoo saamamee, kuunis ibiddaan gubatee jira. Kun ammoo dubbii ijoo addunyaa raaje tahee jira.

Gamtaa Afrikaa dabalatee, hoggantoonni biyyoota Afrikaa gariin ‘gochi Afrikaa Kibbaatti raawwachaa jiru kan seenaafi maqaa ummata gurraachaa booreessu waan taheef hatattamatti dhaabbachuu qaba’ jechuun ergaa dabarfatan. Tahus haalli kan hin tasgabbaawin tahuufi ittuu hammeessuu namoonni garasii dubbifne himan.

Afrikaa Kibbaatti duula jibbaafi dhiphummaa hammaate kana mormuun biyyoota Afrikaa hedduutti sochiin godhamee jira. Naanjeeriyaa dabalatee biyyoota Afrikaa tokko tokkotti qabeenyi lammiilee Afrikaa Kibbaa saamamee jiraachuus Al Jazeeran gabaase. Lammiileen gara-jabeeyyiin Afrikaa kibbaa garuu mormii Afrikaanonni biyyoota adda addaa irraa dhageysisan kanaaf gurra hin laanne.

Guyyaa arraa magaalaa guddoo Joohanisbargitti lubbuun nama tokkoo gara-jabeeyyiin galaafatamuu Poolisiin magaalattii ibse. Kana malees wiirtuun daldala magaalattiitti qabeenya qubattootaa irra miidhaan gahuun beekkame jira.

Dhalataan Ityoophiyaa garas jiru bilbilaan akka nutti himetti, haala ulfaataa keessa jiran. Galgala arraa kanaahuu, manni kuusaa qabeenya qubattootaa iddoo Jules street jedhamutti argamu eega saamame booda ibiddaan gubamuu nu hime.

Akkasumas guyyuma arraa kana sa’aa boodaa Joohaniisbargitti Masjida Imayaatul Islaam jedhamu irrattiis haleellaa Boombii raawwatuuf yalii godhanii turan. Tahus hawaasa naannawa san tureen fashalaa’uu beekkame jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button