Waa Argamsiisuu Ykn Kalaquu

Dhugaa Uumamaa Kutaa 3ffaa

Addunyaa tanarra carraalee heddutu jira. Carraa nuti lakkoofnee xumuru hin dandeenye. Uumamni dachii tanarra jiru ammoo tokkoon isaallee mudaa hin qabu. Hundi isaatuu akka isaaf malutti uumame. Kanaaf wanti Rabbi uume hundi isaatuu uumama ajaa’ibaa irratti uumame jenna. Wanti ilmi namaa hojjatu garuu mudaa qaba. Mee bilbiluma keessan ilaalaa. Kaampaaniin bilbila oomishu, gaafa dura waan takka irraa jalqabe. Akkuma bilbilli sun nama harka seeneen mudaan wahii irratti argama. Kanaaf waa fooyyeessuuf jecha waan biraa irratti godhan. Ammas mudaa qabaata, ammas waan biraa itti dabalan. Osoma akkas godhan deeman malee xumuruu hin danda’an. Carraan jiru heddu waan ta’eef akkasumatti jijjiiraa deemu. Kanaaf maqaa bilbilaa irratti lakkoofsa dabalaa deeman. Iphone gaafa eegalu iphone jedhee eegale. Eegasii iphone 2, 3, 3s, 4, 4s jedhaa deemee, ammaan tana 7 irra jira.  Ilma namaa garuu ilaalaa mee? Ijji bakka isaaf maltuu fi akka isaaf maltutti jira. Osoo ijji teenya kallacha gubbaa jiraatee, aduuf jechaa waa arguun nu dhiba. Kanaaf carraalee Biiliyanaan lakkaawaman keessaa Rabbi isa nuuf ta’u filee nuuf kenne. Ilmi namaa akka carraa hin uumamne. Carraalee silaa ta’uu danda’u heddu keessaa filamee akka ta’uu qabutti uumame. Ammas wanti fooyyefame hin jiru. Gaafuma jalqaba biyyeerraa uumamu akka tahuuu qabutti uumame. Ammas akkasuma of duras akkasumatti jiraata.

Sagantaa har’aa keessatti ammoo waa’ee waa argamsiisuu ilaalla.

Osoo qalamaa fi Waraqaa tokko kutaa tokko keessa keenyee waggoota kumaan lakaawamaniif akka achi turu goonee, Qubeen takkallee ta’u, ofiin barreeffamuu danda’aa laata? Ykn ammoo Madooshaa, Mismaara fi Muka kutaa tokko keessa keenye, akkasuma waggoota Kumaan lakkaawamaniif achitti osoo dhiifne, wanti kun ofiin walitti dhufee Minjaala nuuf ta’aa laata? Ykn ammoo halluu garagaraa waraqaa fakkiin irratti kaafamu wajjiin kutaa tokko keessa osoo keenyee, fakkiin ajaa’ibaa tokko ofumaan ni kaafama jettanii yaadduu?

Qubeen “A” ykn Minjaalli ykn ammoo Fakkiin tokko akka carraa ta’ee tasa argamuu danda’a jedhee namni nu amansiisuu danda’u jiraa laata? Namni tokko qubeen “A” tun akka tasaa qalamni lafaa ol ka’ee waraqaa irra fiigee jennaan barreeffame, ykn ammoo Minjaalli ajaa’ibaa kun akka tasaa mukkeen walitti dhufanii, mismaarri mukarra dhaabatee, madooshaan ammoo mismaara dhaabate sani dhahee ijaarame, ykn ammoo fakkiin kun akka tasaa bubbeen halluuwwan lafa jiran waraqaa san irratti jigsee akka ka’u godhe jedhee nu amansiisuu danda’aa laata? Abadan hin danda’au. Sababni isaa Akka tasaa, artisitiin jedhamu hin jiru. Faallaa kanaatiin, wanta uumamee lafa jiru tokko wanti isa uume ykn isa argamsiise, ykn ammoo artistiin bocee isa tolche akka jiru ragaa baha. Wanti tokko osoo abbaa hin qabaatin, tasuma argamuu hin danda’u. Eeyyan Qubeen takka osoo namni isii barreessu hin jiraatin argamuu hin dandeettu, Minjaallis osoo ogeeysi mukaa hin jiraatin argamuu hin danda’u, fakkiinis Artistiidhaan malee Abadan argamuu hin danda’u. Wanti kun Huduuth jedhama.

Huduuth (Huduus) jechuun, wantoota booda uumaman, ykn argaman jechuudha.  Wanti haarawa uumame Hadiith jedhama. Kan waan tokko boodarratti uume ykn argamsiise ammoo muhdith jedhama. Wanti haarawa uumame hundi isaatuu wanta isa argamsiisetti haajoma. Mee waan kana fakkeenya takkaan wal isinii haa qabsiisu.

Fakkeenyaaf qalama takka ol fuutanii qubee A jedhamu barreessitan.  Qubeen A kun Hadith jedhama. Kana jechuun waan booda uumame jechuudha. Sakandii muraasa dura bakka san hin jiruuyyu. Qubeen A kun duraan hin jiruuyyu. Amma garuu argamee jira. Kanaaf argamuu isaatiif ammoo Muhdith jiraachuu qaba. Osoo barreessaan tokko hin jiraatin qubeen A tun argamuu hin dandeettu. Dalagaan Aartii jiru hundi isaa, booda uumamuu isaatiif wanti isa uume akka jiru agarsiisa. Wanti isa uume kun ammoo haala kamiin akka ta’uu qabu murteessee lafa kaaye.

Haaluma wal fakkaatuun wantootni uumamanii dachii irra jiran hundi isaaniituu akkuma qubee A kana jiran. Hundi isaatuu, Simbirroota irraa kaasee hanga  ililliitti; Billaacha irraa kaasee hanga Mukaatti; Qurxummilee irraa kaasee hanga Kanniinsaatti wantootni jiran hundi isaaniituu qubee A Kanaan wal fakkaatu. Tarii akka A qube takka qofa ta’uu dhaban, eegasuu kitaabaan wal isaan haa fakkeessinu. Akkuma qubeen A argamuudhaaf nama isa argamsiisu barbaadu, akkasumas akkuma ufiin argamuu hin dandeenyetti; Uumamaalee lakkaawamanii hin dhumanne kanniiniifis akka tasaa ofii isaaniitii argamuun waan hin yaadamne. Akkuma qubeen A argamuu isaatiin, namni isa barreesse jiraachuu isaa ragaa bahutti, akkasumas jiraachuu isaatiin jiraachuu barreessaa isaa mirkaneessetti; Uumamaaleen lakkoofsa hin qabne kan dachii irra guutan kunniin uumaan isaan uume akka jiru ragaa bahan. Argama isaaniitiinis Rabbiin isaan uume akka jiru mirkaneessan.

Namni Qubeen A nama isa barreesseen malee hin argamu jedhe, kan Fakkiin Artistiin jiraatu malee hin argamu jedhe, Kan Minjaalli Ogeeysa Mukaatiin malee hin argamu jedhu; Akkamitti Hawaan ajaa’ibaa kun akka tasaa uumaa tokkoon malee argame jedhee nu amansiisuu kajeela.

Hawaan kun duraan hin jiruuyyu. Booda irra uumame. Kanaaf boodarra uumamuun isaa, wanti isa uume akka jiru agarsiisa. Kanaafuu Hawaan kunis waan isa uume qaba. Rabbi Uumaa waa hundaati. Hawaan kunis akka argamu kan godhe fedha isaatiin. Addunyaa kanas dukkana hin jirre irraa gara ifa jireenyaatti baase.

Comments
Loading...