header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
NHTVTafakkur

Wanti Akka Tasaa Uumame Hin Jiru!

Dhugaa Uumamaa Kutaa 2ffaa

Wanti akka tasaa argame hin jiru. Uumamni Hundi isaatuu Dizaayin godhamee lafa kaayame. Harki keenya harka keenya. Harki uumama biraa nuuf hin ta’u. gosti harkaa garuu heddutu jira. Isa kamtu nuuf ta’aa murteessuuf ammoo dizaaynara barbaachisa.

Amma Namoota Diizaayina kaasuu danda’an walitti qabnee Dizaayina bineensa takkaa akka kaasan Ajajna. Dizaayniin isaan kaasanis waan amma dura hedduun keenya  dhageenyee ykn ammoo arginee hin beekne tokko ta’a. bineesi kun Armadiloo jedhama, isin keeysaa namni bineensa Armadiloo jedhamu beeku jiraa? “¦ mee deebisaa isaa isinumaaf dhiisa. Waa’ee bineensa amma dura arginee hin beeknee kana kaasuudhaan, carraaleen uumamaa heddu akka jiran hubatuu dandeenya.

Amma qaama Armadiloo kaasuudhaan jalqabna. Ummata addunyaa kanarra jiru biiliyana 7f qalamaa fi waraqaa kenninee, qaama Armadiloo kaasaa osoo jenneenii, qaama garagaraa hagam argachuu dandeenyaa? Namni Armadiloo tana dura argee hin beekne, qaama garagaraa kan wal hin fakkaanne kaasuu danda’a. Fakkeenyaaf namni tokko dheerina Armadiloo Meetra 5 godhee yoo kaase, kan biraa ammoo seenti Meetira 5 godhee kaasuu danda’a. Gariin namaa bal’ina isaa meetira tokkoo godhee kaasee, kan biraa ammoo seentimeetira 5 godhee kaasuu danda’a. Namni tokko uumama kanaaf miila 4 kennuu danda’a. Inni biraa ammoo miila  2 irratti kaasuu mala. Bifti Armadiloo isa tokkoof diimaa yoo ta’u, kan biraa ammoo Magariisa godhee kaasuu danda’a. Kanaaf carraan nuti suuraa Armadiloo garagaraa argachuudhaa akkaan guddaa dha. Lakkoofneetuu bira gahuu hin dandeenyu. Namoonni biiliyana 7 kunniin boca garagaraa biiliyana 7 kaasuu danda’u. Akkasumas namoota hundaaf carraa Dizaayina lama lama kaasuu osoo kenninee ammoo biiliyana 14 ta’a jechuu dha.

Amma immoo Fuula Armadilootti  haa ceenu. Gaafiin amma gaafannus waluma fakkaataa dha. Fuula garagaraa kan Armadiloo hagam argachuu dandeenya? Deebiin keenyas waluma fakkaataa dha. Lakkoofsi fuulaa argannu xumura hin qabu. Gariin namaa Funyaan Armadiloo dheeraa godhee kaasa. Gariin ammoo ni gabaabsa. Tokko gurra Armadiloo cinaa mataatti yoo kaasu, gariin ammoo ijaan olitti kaasa. Gariin uumama kanaaf ilkaan 10 kenna, gariin ammoo ilkaan 100 afaan isaa keessatti naqa. Ammas carraan nuti argannu heddu ta’a. Qaamman dabalataa fi Qaama garaa keessaa kaasaa osoo jennellee ammas carraan nuti qaama garagaraa argachuu daran ni dabala. Gariin namaa fakkii isaa irratti koola godhuu danda’a. Gariin ammoo miila meetra 1 dhedheeratu irratti kaasa. Kuun ammoo koolas, miilas itti hin kaasu ta’a, sababni isaa, akka nama kanaatti Armadiloon Reepitaayila ta’uu danda’a. Lakkoofsi amma arganus akkasuma daran heddummaataa deema. gariin miila bineensa kanaa irra quba lama kaaya, gariin ammoo quba 5 kaayuu danda’a. Kanaaf namoota biiliyana 7f qalamaa fi waraqaa kenninee, qaama uumama Aramadiloo dizaayn godhaa fidaa osoo jenneenii, qaama garagaraa biiliyana 7 arganna.

Amma ammoo amala Armadiloo haa murteessinu. Armadiloon goota moo sodaattuu dha? Yoo Goota  ta’e gootumaan isaa akkamitti ibsama? Harkifataadha moo, Saffisa jabaa qaba? Yoo Saffisa qabaate, sa’aa takkaan hagam fiiga? Dadhabaadha moo, hojii irratti jabaa dha? Yoo dadhabaa ta’e, dadhabinni isaa hagam? Kanaaf ammas diizaayina yoo kaasnu, Amaloota kanniin xiyyeeffannaa keessa galchinee takka takkaan keessaa filanna. Amaloonni dhibbaa ol jiraachuu danda’u. Amalloonni kunniin hundi isaaniituu digrii (sadarkaa) mataa isaanii qabu. Kanaafuu Namoota addunyaa irra jiran biiliyoona torban kanaaf Amaloota 100 kanniin keessaa, sadarkaa isaaniitiis murteessaa osoo jennee, Ammas amala Armaadiiloo biiliyana 7 arganna.

Kanaafuu dizaayina Armaadiloo ummata dachii irra jiru hunda irraa yoo barbaanne, qaama biiliyana 7 Amalaa  biiliyana heddu wajjiin arganna. Carraan dachii tanarra jiru hedduu dha. Carraalee jiran hunda keessaa Armadiloon tokko ta’uu danda’a. ykn ammoo carraa sanniin keessas jiraachuu dhabuu danda’a. Armadiloon qaama mataa isaa kan Rabbiin isaaf uume qaba. Qaamni kun akka isaaf mijaahutti godhamee uumame. miilli isaa, fuulli isaa, amalli isaa, hundi isaaniituu akka isaaf ta’utti uumame. Carraalee jiran biiliyanaan laakkawaman keessaa, isa bareedaa fi kan isaaf ta’u filachuun kun, akka tasaa argame moo? Qaama isa hojjatee, ijaaree, isaaf murteessetu jira? Nutuu yeroo dizaayina goonu, qaamni isaa akkana ta’uu qaba, miilli isaa kana fakkaatuu qaba, kunis akkas ta’uu qaba jennee, waan nuttii fakkaate hunda murteessine. Kanaaf wanti tokko akkuma carraa ofiin uumame jechuu hin dandeenyu.

Wanti dachii irra jiru hundi isaatuu qaama garagaraa akka isaaf mijaawu godhamee uumameef qaba. Kan isa tokko, ka isa biraa hin fakkaatu. Hunduu qaama bareedaa, kan uumama biraa irraa ittiin adda ta’u qaba. Amalli isaaniitis jireenya isaaniitiif akka mijaahu godhamee irratti uumamee jira. Uumama hundaaf qaamni kennamee jira. Hunduu waan isaa matamataan qaba. Amalli isaatis kanuma isaati. Qaamni isaatis kan isaati. Qaamni akka ijaa, gurraa fi kan birootis bakka ta’uu qabu kaayamee jira. Hundi isaatuu, qaama tokkoon, akka ta’uu qabutti Dizaayn godhame bakka isaaf malu kaayamee jira. Jecha biraatin hundi isaatuu Dalagaa Rabbiiti, Malee waan akka tasaa argamee miti.

Mee qaamni gaalaa haala kamiin akka Rabbiin uumamee Dizaayin godhame haa ilaallu. Dalluun gaalaa akka taankarii bishaaniitti tajaajila. Gaalli torbaan sadihiif osoo bishaan hin dhugin jiraachuu danda’a. Faanti miila isaa bal’aa dha. Kanaaf Gammoojjii biyyeen guuttame irra rakkoo takkaan malee fiiguu danda’a. rifeensi ija isaa irra jiru akka giingilchaati. Dhukkeen gammoojjii san keessaa, osoo haga fedhe fuula isaa irratti jigee ija hin seenu. Funyaan isaatis ka ajaa’ibaati. Haala qilleensa rakkisaa gammoojjii san keessatti dhukkee gingilchaa, gaalli hafuura qulqulluu akka harganu isa gargaara. Hidhiin isaa ammoo, Qoree namni qubaan tuquu hin dandeenye akka sooratuu danda’utti uumame. Mormi isaa ammoo akka gaalli mukkeen irraa baala ciruuf mijaahuutti dheereffamee irratti uumame. Jilbi gaalaa ammoo Moorgaya jabaataan uwwifamee jira, akkasumas gogaa akkaan jabaa ta’e irrraa kan ijaarame yoo ta’u, jabinni isaatis  gaafa horiitiin wal fakkaata. Yeroo gaalli ciisutti, moorgayni jilba irratti argamu kun, akka jilbi isaa oowwa lafaa saniin hin miidhamne godha. Rifeensi isaa kan gogaa irratti argamu ammoo haala qilleensa oowwaa fi qabbanaawaa akka dandamatu godhamee uumameef. Amala amma isinii hime cinattis gaalli amaloota heddu baay’ee qaba.

Osoo Gaalli Miila farda qabaatee, gammoojjii san keessa kiiloomeetira takkaaf deemuun itti ulfaata. Osoo ijji isaa ammoo gingilchaa qabaatuu baatee, dhukkee gammoojjii san keessa tarkaanfii takkaa fuudhuun itti ulfaata. Osoo hidhiin isaatis baqaqa qabaachuu baatee, qoree soorachuuf ni rakkataayyu. Qaama gaalaa isaa irraa osoo miila isaa laallee, miilli bineensotaa gosa hedduutu jira. Carraaleen miilaa miiliyoona heddutu jira. Garuu gaalaaf qaama isaaf mijaahuu fi isaaf ta’uu qabutu kenname. Akkasumas qaamota biraa kan jireenya isaatiif mijaahu fi kan isa waliin deemuun badhaafamee jira. Wantoonni kunniin hundi isaaniituu, qaamni waan kana akkanatti tolche akka jiru ragaa nuuf bahan. Qaamni humna ol aanaa qabu tokko, wanti kun bakka kanaaf ta’a jedhee muree lafa kaayee jira.

Carraalee jiran heddu keessaa isa naannoo saniif mijaahu bineensa kana irratti uumuun, qaamni waan kana file akka jiru nuu akeeka. Mee fakkeenyaaf Arba , Qurxummii, Simbirroota, ilbiisota, biqiltoota, fi uumamoota biraa Gaalaan walbira qabaatii ilaalaa. Carraalee jiran heddu keessaa, Qaamman isaanii wantoota akkamii irra akka uumame xiinxallaa. Eegasuu, Wantootni kunniin hundi isaaniituu akka tasaa argaman jennaa?

Mee koola ilbiisaa xiinxallaa. Baay’inaa fi carraalee biroo kan biiliyanaan lakkaawamu, kan silaa qaama san irratti maxxanfamuu danda’u xiinxallaa. Carraalee jiru keessaa inni uumama saniif ta’u akkamitti akka filatame of gaafadhaa. Koolli kun ilbiisa takka irratti qofaa miti kan maxxanfame. Sanyii Ilbiisa sanii hunda irrattuu ni argama. Carraalee jiru biiliyanaa keessaa, inni ilbiisa saniif ni ta’a jedhamu, filamee irratti maxxanfamee jira. Kun hundi isaatuu akka tasaa argame jechuu dandeenyaa?

Mee amma dubbii teenya haa guduunfinu; Addunyaa tanarra uumamni jiru cufti isaatuu qaama isaaf mijaahu qaba. Carraalee jiran heddu keessaa, kan isaaniif ta’utu filamee kennameef. Kunis qaamni waan kana murteessu akka jiru akeeka. Kan Murtii kana kenne ammoo Allaah. Mootii uumama hundaa

Uumamni hundi isaatu bocaa fi fuula isaaf mijaawu qaba. Carraalee jiran heddu keessaa kan isaaniif malutu filatameef. Uumaan wantoota kanniin filatee ammoo Allaah. Diizaaynara hawaa guutuu.

Wanti hunduu amala mataa isaa qaba. Amalli kunniin ammoo carraalee lakkoofsa hin qabne keessaa uumaa waa hunda tolchuun filame. khaaliqni waa hunda tolchu ammoo Allaah. Khaaliqa dachiifi samii.

Uumamni hundi isaatuu qaamaa ajaa’ibaa kan addaa kan mataa ofii qaba. Qaamni kun ammoo Rabbii waa hunda kennuun carraalee jiran heddu keessaa qindeefamee kenname. Rabbiin waa hunda qindeessu ammoo Allaah. Mootii Fakkataa hin qabne.

Hawaa bal’aa fi guddaa kanaa mitii, koolli ilbiisaa tokkoo akka tasaa carraan argame jechuun hin danda’amu. Hunda kan argamsiise, Argamsiisaa waa hundaa, tokkicha Rabbii guddaa.

Back to top button