header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Waraanni Israa’el West Bank Weeraruun Falasxiinota heddu kan hidhe tahuu gabaafame

Waraanni Israa’eel halkan edaa West Bank weeraruun lammiilee Falasxiin 40 ol kan hidhe tahuun beekame. Namoonni hidhaman hundi mana jireenyaa isaanii irraa kan qabaman yoo tahu, Israa’eel garuu namoonni qabaman jeequmsa qindeessuudhaan shakkaman jechuun himte. Namoota hidhaman jidduu seera tumtoonni Falasxiin lama kan keessatti argaman akka taheefi, kanneen hafan ammoo hedduun isaanii deeggartoota dhaabbata Hamaas tahuu miidiyaaleen Falasxiin gabaasan. Israa’eel Falasxiinota jumlaan hidhuu kan hammeessite yoo tahu, guyyaa lamaan dabran qofa namoonni 90 ol manneen hidhaatti kan darbaman tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

 

Israa’el  yeroo heddu sababaa “namoota barbaadaman qabuu”jedhuun, magaalotaa fi gandoota Falasxiinotaa weeraruun, jumlaadhaan Falasxiinota kan hiitu tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Ragaaleen dhaabbilee mirga namoomaa akka muldhisanitti, daa’immanii fi dubartoota dabalatee Falasxiinoonni 6,500 ol manneen hidhaa Israa’eel keessatti dararamaa jiran. Falasxiinota manneen hidhaa Isra’eel jiran jidduu yoo xiqqaate daa’imman 350 fi abbootiin seeraa beekkamoon jaha kan argaman tahuu ragaaleen ni mul’isu.

 

Dabalataanis guyyaa kaleessaa loltoonni Israa’el lama namoota hin beekaminiin eega ajjeefamanii booda, waraanni Israa’el tarkaanfii haaloo bahuu fudhateen, iddoowwan gara garaatti Falasxiinota 4 kan ajjeese tahuu odeeyfannoon arganne ni ibsa. Dabalataanis waraanni Israa’el magaalaa Ramallah gutumaan guututti marsuun, daandiiwwan gara magaalatti seensisan hunda kan cufe tahuun beekamee jira.

Loltoota Israa'el Ramallah weeraran

 

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button