header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Waraanni Maleezhiyaa Magaala Al-Qudsi diina irraa ittisuuf qophii tahuu beeksise.

Ministeerri ittisa Maleezhiyaa murtiin Traamp kan magaalaa Al-qudsi “magaalaa guddoo Isra’eel” jechuun labse, Muslimoota addunyaa hunda fuula keessa kabaluudha jechuun ibse. Kanaaf ammoo Al-Qudsi ilaalchisee humni ittisa Maleezhiyaa aarsaa barbaachisu hunda kafaluudhaaf qophii tahuu beeksise.

Ministeerri Ittisa Maleezhiyaa Hishaamuddiin Huseen, “kana booda wanta uumamuu malu hundaaf qophaayuu qabna; Humni waraana Maleezhiyaa hundi dhimma Al-qudsi irratti ajaja Mootummaa qofa eegaa jira”jechuu isaa ejensiin odeeyfannoo biyyattii gabaase.

Mr Huseen itti dabaluudhaan”ammas yoo tahe wanti kanarra hamaa akka hin uumamne rabbiin haakadhannu”jechuu isaa gabaasni kun ni mul’isa. Labsii Traamp hordofuun biyyoota gara garaa keessatti mormiin godhamaa jiru kan itti fufe yoo tahu, Turkiyaa, Tuniiziyaa, Masri, Urduun, Lubnaan, Aljeeriyaa fi Iraaq keessatti mormiin cimaa tahee geggeefameera. Haaluma walfakkatuun Alhada hardhaa magaalaa guddoo Indoneeshiyaa, Jaakartaa keessatti lammiileen biyyattii 10,000 ol tahan Imbaasii Ameerikaa fuulduratti mormii geggeessaa kan jiran tahuu “Associated press” gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button